Waraanicha kan jalqabe garee shororkeessaa ABUT ta'uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kan laatee Gaazexeessaa garichaa hime.

84

Fulbaana 13/2015(TOI) - Waraanicha kan jalqabe garee shororkeessaa ABUT ta'uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kan laatee Gaazexeessaa garichaa Fitsum Tsaggaayee hime.

Gaazexeesichi TOItti akka himetti gareen shororkeessaa ABUT haadholii Tigiraay boochisaa, jaarsoolii kan isaan gargaaruufi awaaluu dhabsiisaa jira.Waraanaafi walitti bu'insa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu kan godhate garichi yeroo sadafaadhaaf waraana uummata Itoophiyaarratti banuuf farra nageenyaa ta'uu isaa mirkaneessera jedheera.

Garichii,Uummanni Tigiraay waraanni ni gahaa, rakkoon jiru karaa nagaa haa furamuu osoo jedhuu gama Qobboon waraana banuun haadhaloo Tigiraay boqonnaa dhoowwaa jira jedheera.

Garichii gama Qobboon waraana ofii isaatii uummata Itoophiyaarratti bonuun uummata Tigiraay garuu mootummaan waraana narratti bane jechuun gowwoomsaa jiraachuu himeera.

Kanaaf hawaasinni addunyaas ta'ee uummanni Tigiraay holola sobaa garichaan gowoomuu hin qaban jedheera.Hadhooliin Tigiraay ijoollee isaan garicha jalaa dhofkachuu hin danda'ani Sababan isaa garichii bakka hundaatti neetiworkiin walitti hidhamee jiru waan ta'eef ija isaanii jalaa miliquun hin danda'amu jedheera.

Naannoo Tigiraay dargaggoon barbaadee gara waraanaatti galuu hin jiru kan jedhu gaazexeessaa Fitsum garichii neetworkii qabuun daa'immaanfi dargaggoota adamsee qabuun gara waraanaatti akka galchu himeera.

Daa'immaniifi daraggoonni Tigiraay adamsamani qabamuun gara waraanatti ergamu. Yoo gara duubaatti deebi'aan garichii rasaasaan tumee isaan ajjeesa jedheera.

Dhugaan lafarra jiruuf miidiyaalee Tigiraayiin odeeffamu garaagara ta'uu kan himi gaazexeesichi uummanni Tigiraay rakkoon kana caaluu osoo itti hin dhufiin akkum ta'u ta'ee garee ukkaamsaa garee kanaa jalaa of baasuu qaba jedheera.

Dargaggoonni Tigiraay hedduun waraanarraa dheesiteetta jedhamuun garichaan ajjeefamus himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015