Itiyoophiyaafi Sudaan Kubbaa miilaa Michoomaa Har’a Nitaphatu

129

Fulbaana 13/2015 (TOI) Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa/Waaliyoonni/ taphoota michoomaa garee Sudaan waliin taphatu 2 keessaa kan jalqabaa har’a nitaphata.

Tapni kun har’a sa’aatii 4 irratti Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti ni adeemsifama.

Leenjisaa garee kubbaa biyyaalessaa Itiyoophiaa Wubatuu Abaataa Filbaana 9/2015 tapha kanaaf taphattoota 23f waamicha taasisuunsaanii ni yaadatama.

Goolii eegaan garee Dirreedawaa Daani’eel Tashoomaa dhukkubsachuusaatiin akka hin taphanne federeeshiin kubbaa miilaa beeksiseera

.Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa guyyoota lamaan darban Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti shaakala taasiseera.

Shaakala guyyaa jalqabaarratti kan hin argamne taphataan sarara duraa Daawwaa Hutteessaa garee kanatti makamuudhaan shaakala taasiseera.

Kilabii Gibxi El-gunaaf kan taphatu taphataan jiddugaleessaa Shimallis Baqqalaa garee kanatti kanneen makaman keessaa isa tokkodha.

Gareen biyyaalessaa kun Fulbaana 16/2015 tapha michoomaa kan lammaffaa Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti guyyaa keessaa sa’aatii 10tti ni taphata.

Maatiin ispoortii Istaadiyeemiitti argamuudhaan garee biyyaalessaa akka jajjabeessu federeeshiniin kubbaa miilaa waamicha dhiheesseera.

Sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa Fiifaan ji’a ji’aan baasuun Itiyoophiyaan 138ffaa, Sudaan ammoo sadarkaa 130 irratti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015