Biyyoonni Hedduun Gabaasa Komishiniin Ogeeyyota Qorannoo Mirga Namoomaa Idil Addunyaa Akka Hin Fudhanne Ibsan

104

Fulbaana12/2015(TOI) Biyyoonni hedduun gabaasa ogeeyyonni qorannoo mirga namoomaa idil addunyaa baase akka hin fudhanne beeksisan.

Walga’iin idilee 51ffaa mana maree mirga namoomaa mootummoota gamtoomanii Fulbaana 2 irraa eegalee Siwiizarlaandi Jenevaatti adeemsisaa jira.

Manni maree kun har’a oolmaa isaa guyyaa 11ffaatiin Itiyoophiyaa ilaalchisee marii hirmaachisaa adeemsisaa jira.

Gabaasa komishinii ogeeyyota mirga namoomaa idil addunyaas dhaggeeffateera.

Biyyoonni walga’ii kanarratti hirmaatan hedduun gabaasichi loogii waan qabuuf akkasumas siyaasa of keessaa qaba jechuun kuffisaniiru.

Chaayinaa, Ruusiyaa, kuubaa, Beelaaruus, Kooriyaa Kaabaa, Veenzuweelaa, akkasumas biyyoonni Afriikaa gabaasa kana mormaniiru.

Ruusiyaan haasawa taasifteen gabaasichi ergama siyaasaa kan qabuu ta’uu ibsuudhaan, gabaasa kanaan dura komishinii olaanaa mirga namoomaa mootummoota gamtoomaniifi  komoshinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatiin waliin dhihaatef beekamtii akka kennitu ibsiteetti.

Gabaasni komishiniin kun dhiheesse ogummaa kan of keessaa hin qabne, dhiibbaa siyaasaa of keessaa akka qabu ibsiteetti.

Biyyoonni hedduun walga’ii kanarratti hirmaatan Itiyoophiyaan rakkoo keessoo ishee hiikuu akka dandeessu kaasuudhaan gabaasicha akka hin fudhanne ibsaniiru.

Deenmaark gabaasa kana ija shakkiin kan ilaalan keessaa tokko yoo taatu, komishinichi qorannoo yeroo taasisus ta’e gabaasa kana yemmuu dhiheessu  hariiroo Itiyoophiyaafi hooggantoota naannolee waliin qabu ifa akka taasisu gaafatteetti.

Sudaan Kibbaa haasawa taasifteen gabaasni kun kanaan dura komishinii olaanaa mirga namoomaa mootummoota gamtoomaniifi  komoshinii mirga namoomaa Itiyoophiyaatiin kandhihaate waan ta’eef waan addaa hin qabu jetteetti.

Kaawunsiliin mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii  kan bara 2022 biyyoota Afriikaa bakka bu’uudhaan haasawa kan taasifte Kotidivaar komishinichi itti gaafatama kennameefiin ol deemuusaa eeruudhaan mormiteetti.

Biyyoonni Afriikaa miseensa kaawunsilichaa Beeniin, Kaameeruun, Kotidivaar, Ertiraa, Gaaboon, Gaambiyaa, Liibiyaa, Maalawii, Mooriitaaniyaa Naamiibiyaa,Seneegaal, Somaaliyaafi Sudaan akka ta’an ni beekama.

Biyyoonni miseensota kaawunsilichaa rakkoo Itiyoophiyaa keessa jiru hiikuuf qaamni hundi daandii nageenyaa gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamu irratti akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015