Lammiileen Itiyoophiyaa Birmadummaa biyyasaanii Kabachiisuuf Gama hundaan Ka’uu Qabu-Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Itiyoophiyaa Birmadummaa biyyasaanii Kabachiisuuf Gama hundaan Ka’uu Qabu-Hayyoota
Fulbaana 12/2015 (TOI) Lammiileen Itiyoophiyaa walabummaafi bilisummaa biyyasaanii kabachiisanii itti fufsiisuufi dhiibbaa biyyoota alaa dura dhaabachuuf gama hundaan ka’uu akka qaban hayyoonni ibsan.
Shororkeessaa ABUT bara aangoosaa imaammata biyyoota lixaa tokko tokko raawwachiisuufn Itiyoophiyaa hiyyummaafi boodatti hafummaaf saaxileera.
Sirna federaalizimii sab-daneessummaa karaa dogoggoraa hojiirra oolchuudhaan lammiilee biyyattii sanyiifi afaaniin addaan qooduudhaan akka walitti bu’an gochuun tokkummaan biyyaa akka laafu taasiseera.
Gareen shororkeessaa kun qabsoo ummataatiin aangoorraa erga darbatamee booda raayyaa ittisa biyyaarratti waraana bavuudhaan yakka biyya ganuu raawwateera.
Ajjeechaafi saamicha raawwachuudhaan gochoota shororkeessaa seera addunyaa cabsan raawwachuurratti bobba’eera.
Ogeessa seeraa kan ta’an ob. Abinnat Zarfuu toitti akka himanitti, biyyoonni lixaa tokko tokko hojii shororkeessaa ABUT osuma beekanii Itiyoophiyaai quba qabuurratti argamu.
Gareen kun daa’imman waraanaaf yoo oolchu, deeggarsa namoomaa kaayyoo waraanaaf yoo oolchu hawaasni addunyaa callisuusaas qeeqaniiru.
Shororkeessaan ABUT boba’aa sagantaa nyaata addunyaa liitiroo kuma 570 yemmuu saamu sirrii akka hin taane maqaadhumaaf ibsuun alatti seeraan akka gaafatamu gochuu dhiisuunsaanii kaayoo biraa akka qabu agarsiisa jedhaniiru.
Kana malees gareen kun Cinaa, Gaaliikoomaa, Maayikaadiraafi iddoowwan birootti ajjeechaa jimlaa yoo raawwatu kan isa gaafate hin jiru.
Komishiniin ogeeyyotaa mana maree mirga namoomaa mootummoota gamtoomaniin hundeeffame gabaasni jidduu kana baase gocha ABUT ija liphiin ilaalee darbuunsaa gareen shororkeessaa kun raawwachiisaa kaayoo siyaasaa isaanii akka ta’e kan agarsiisudha.
Qorataan olaanaa asooseeshinii ikonoomiksii Itiyoophiyaa Doktor Abbulee Mahaarii, shororkeessaan ABUT yeroo oomisaa eegee waraana banuunsaaa dinagdee biyyaa dadhabsiisuuf jandaa dhoksaa isaa ta’uu akka danda’u eeraniiru.
Naannolee Amaaraafi Afaar waraanni itti adeemsifametti wayitii oomishaa darbetti oomishni meetiriik toonii miiliyoona 3 ol akka hin sassaabamne dubbataniiru.
Biyyoonni lixaa tokko tokko sirna addunyaa osoo beekanii fedhii dhuunfaa isaanii raawwachiisuuf akka fayyadaman ogeessi seeraa kun ibsaniiru.