Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Xumura Waltajjii Marii Kora Sabaa Yuba Oromoo Irratti Kallattii Kaa’an

62

Eebla 16/2011) Obbo Shimallis Abdiisaa  itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa waltajjii marii kora sabaa Yuuba Oromoo waliin taasifamerratti i yaada xumuraa fi kallattii Kaa’aniiru.

Haala kanaan sabboonummaa Oromoo fi dinagdee Oromoo guddisuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu kan himan yoo ta’u, bal’innisaa akka armaan gadiitti  dhihaateera.

1. Sabboonummaa Oromoo 
Gochaa sabboonummaa fi tokkummaa Oromoo cabsu kamuu irratti niqabsoofna.
Sabboonummaa fi tokkummaa Oromoo irratti , duudhaan ganamaa ummtaa akka deebi’u, seenaan Oromoo sirnaan barreeffamee akka guddatuu fi dhalootaaf dabru bajata guddaa ramannee halkanii fi guyyaa irratti xiyyeeffannee hoojjenna.

Dagaaginaa fi guddina afaan Oromoo Oromiyaan alattillee akka baratamuu fi itti hojjetamu jalqabbiin jiru daran cimee irratti ni hoojjetama.
Hojiin hoojjetamu kamuu karaa fedhii fi faayidaa ummata Oromoo kabajchiisu qofaan raawwatama.
Hariiroo sabaa fi sablammootaa waliin qabnu akka cimu ni hoojjenna.
Nageenyaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun, rakkoo daangaa hundeerraa furuun dhimma dursi kennamuufiidha.
Tokkummaa fi wal mariin jaarmayaalee siyaasa Oromoo gidduu jiruus akka bal’atuu fi guddatu gochuun hojii keenya idilee ta’a.
2.Diinagdee Oromoo guddisuu 
Aangoo siyaasaa akka warra kaleessaa kan itti saamnu otoo hin tahiin akka Oromoon duroomee hiyyummaa itti moohatuuf itti tajaajilamna.
Kanaaf aadaa hojii fooyyeeffannee carraa qabnu hunda diinagdeetti jijjiiruu qabna.
Tiraaktara , paampii bishaanii qonnaan bulaaf dhiyeessuun jallisii fi makaanaayizeeshinii qonnaa baballisuun hoomishaa fi hoomishtummaan akka dabalamu ni hoojjetama , kanaaf ammoo ijaaramsiifi Gurmuun qonnaan bulaa fi dargaggootaa cimuu qaba.
Investimantii ummanni keenya sheeriin abbaa itti tahee irraa fayyadamuu danda’u ni hojjetama.
Daldala seeraan alaa to’achuun carraa gabaa hawaasni keenya irraa fayyadamuu danda’u ni ballifna.
Bu’uuraalee misoomaa bakka maratti guutuuf duraa duuba qabsiifnee ni hoojjenna.
Galmi keenya inni dhumaa diinagdeen, beekkomsaan, nageenyaa, sabboorummaa Oromoo dagaagsuun Oromiyaa waa maraan ijaaruudha, kanaaf hunduu tumsuu qaba.

MADDI:BDhKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015