Dhaabbilee Odeeffannoo Barbaadaniif Fakkiiwwan Saatalaayitii Qulqullinaan Qaqqabaa Jiru-Inistiitiyuuticha

166

Fulbaana 12 /2015 (TOI) Fakkiiwwan saatalaayitii odeeffannootti jijjiiramuudhaan dhaabbilee odeeffannoo barbaadaniif qaqqabsiifamaa akka jiran inistiitiyuutiin saayinsii hawaafi gi’oo ispaashaal Itiyoophiyaa ibseera.

Buufanni odeeffannoo saatalaayitii irraa qulqullinaan fudhachuufi to’achuu dandeessisu hojiitti akka gale beekameera.

Inistiitiyuutii saayinsii hawaafi ji’oo ispaashaalii Itiyoophiyaatti daarektarri misooma saatalaayitiifi oppireeshinii Malaakuu Mukaa, damee saatalaayitiitiin Itiyoophiyaatti hojiiwwan bu’a qabeessi hojjetamaa akka jiran TOItti himaniiru.

Jijjiiramni Itiyoophiyaa keessatti dhufe damee kana guddisaa akka jiru daarektarri kun ibsanii, saatalaayitoonni lama gara hawaatti ergamuusaanii yaadataniiru.

Fakkiiwwan qulqullinaa saatalaayitii kanneen irraa ergaman kanneen odeeffannoo barbaadaniif galteet a’uun fayyadaa akka jiran eeraniiru.

Inistiitiyuutichi dhaabbilee odeeffannoo fakkii saatalaayitii barbaadanii dhufaniif  tajaajila si’ataa kennaa akka jiru daarektarichi ibsaniiru.

Buufata odeeffannoo saatalaayitii fudhachuufi to’achuu dandeessisu dhiheenya darbe hojiitti galchuusaas himaniiru.

Buufanni kun gosoota saatalaayitii 5 fi kanaa ol ta’an irraa odeeffannoowwan barbaachisan fudhatee qulqullinaan keessummeessuu kan danda’u ta’uus ibsaniiru.

Keessumaammoo odeeffannoowwan damee qonnaaf barbaachisan dhiheessaa akka jiru beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015