Dhuudhaa Daneessuumaa Eenyummaatiin Biyya Ijaaruu Keessatti Ga’ee Dargaggootaa Guddisuuf Hojjetamaa Jira

56

Fulbaana 12 /2015 (TOI) Duudhaa daneessummaa eenyummaatiin biyya ijaaruu keessatti ga’ee dargaggootaa guddisuuf hojjechaa akka jiru ministeerri aadaafi ispoortii beeksise.

Dhaadannoo” koottaa mana waliinii haa ijaarru” jedhuun mareen paanaalii biyyaalessaa adeemsifamaa jira.

Ministeerri aadaafi ispoortii waajjira muummee ministiraatti qindeessaa jiddu gala ijaarsa sirna demokiraasii waliin ta’uun waltajjicha qophheesseera.

De’eetaan ministiraa Aadaafi ispoortii adde Nafiisaa Almahaadii, aadaan daneessuummaa eenyummaafi beekumsi biyya keessaa akka cimu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Rakkoolee biyya waliin ijaaruu keessatti quunnaman keessa dargaggoonni hirmaannaa cimaa gochuu akka qaban dubbataniiru.

Dargaggoonni birmadummaafi tokkummaa biyyasaanii eegsisuuf ejjennoo waliinii qabachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ummata eenyummaa danuu qabnu taanus akkuma kaleessa abbootiin keenya Aduwaafi Kaarramaarraatti qabsaa’anii birmadummaa biyyaa mirkaneessan, ammas hidha haaromsaa guddicha abdii dargaggootaa  ta’e  duudhaa kanaan milkeessaa jirra jedhaniiru.

Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti hojjetaman deeggaruudhaan adeemsa biyya ijaaruuf taasifamu milkeessuun dargaggootarraa akka eegamu hubachiisaniiru.

Paartileen morkattootaa addaddaa, bakka bu’oonni dargaggootaafi waldaaleen dargaggootaa marii paanaalii kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015