Humni Eegumsaa Riippaabiliikaan Barattoota Dhaga’uu hin Dandeenyeef Deeggarsa Meeshaalee Barmootaa Taasise

74

Fulbaana 12/2015/TOI/ - Humni eegumsaa Rippaabiliikaanii Federaalaa barattoota mana barumsaa Makkanniisaa dhagahuu hin dandeenyeef deeggarsa meeshaalee barmootaa birrii miiliyoona walakkaatti tilmaamamu taasise.

Itti gaafatamaan tajaajila fayyaa human eegumsa rippaabilikaanii koloneel Mulugeetaa Tafarraa deeggarsa kana barattootaafi maatii barattootaaf kennaniiru.

Hooggantoonni human eegumsaa riippaabilikaanii, barsiisonni mana barumsaa dhagahuu hin dandeenyee Makkanniisaa, barattoonniifi maatiin barattootaa sirna kana irratti argamaniiru.

Eegduun Riippaabiliikaa aarsaa birmadummaa biyyaaf kafalu cinaatti raayyaa ummataa deeggaru ta’uu koloneel Mulugeetaa Tafarraa sirnicharratti dubbataniiru.

Kana duras mana namoota human hin qabnee haaromsaa, akkasumas hojii tola ooltummaa biroo hojjechaa akka ture eeraniiru.

Bara kanas hojii tola ooltummaa ummataaf taasisu itii fufuudhaan guyyaa har’aa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaarraa walitti qabe gumaachuusaa dubbataniiru.

Hojiin gaarii kun gammachuu raayyaa ta’uu kan eeran koloneel Mulugeetaan, fuulduras cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjiran human eegumsaa riippaabilikaanii koloneel Alamaayyoo Mul’ataa, humni eegumsaa kun maallaqa irra darbee lubbuu isaallee ummataaf kennaa waan jiruuf itti boona jedhaniiru.

Deeggarsa wal fakkaataa kana itti fufuudhaan raayyaa ummataa ta’uusaa itti fufa jedhaniiru.

Daarektarri mana barumsichaa Musee Alamaayyoo, deeggarsi humni eegumsaa taasise kun yoomiyyuu akka hin hinhirraanfatamne ta’uu eeraniiru.

Manni barumsichaa lammii boru biyyaaf dhaabatu horachuuf cimee ni hojjeta jedhaniiru.

Maatiin barattootaa gamasaaniitiin deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015