Miidiyaaleen maalummaa Maree biyyaaleessaafi yaada bu'uuraa marichaarratti afaanoota adda addaan hubannoo akka kennan gaafatame. - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen maalummaa Maree biyyaaleessaafi yaada bu'uuraa marichaarratti afaanoota adda addaan hubannoo akka kennan gaafatame.
Fulbaana 12/2015(TOI) - Miidiyaaleen maalummaa Maree biyyaaleessaafi yaada bu'uuraa marichaarratti afaanoota adda addaan hubannoo akka kennan Komishiniin maree biyyaaleessa gaafate.
Koomishiniichi Wixinee Tarsimoo Miidiyaafi Kominikeeshinii irratti dhaabbilee Miidiyaafi qooda fudhattoota waliin mariyacha jira.Komishineerri Olaanaa Komishinichaa Pirofeeser Mesfin Arayaa marii kanarratti akka dubbatanitti marichi gama hundaan akka milkaa'uuf miidiyaaleen gahee olaanaa qabu.
Komishiiniin Maree biyyaaleessaa Itoophiyaa yeroo itti aananitti ummata waliin sadarkaan gahuu qaba jedhaniiru.
Kanaaf immoo miidiyaaleen Afaanoota adda addaan maalummaa Komishiniichaafi yaada bu'uuraa marichaa, adeemsa marichaa, ajandaa funaanuu, hirmaatota adda baasuufi adeemsa marichaa biroo uummataan gahuu qabu jedhaniiru.
Wixineen miidiyaafi Kominikeeshinii qophaa'ees miidiyaalee waliin hojjechuuf haala dandeesisuun qophaa'uu himaniiru.
Marii kanaan wixineen karooraa tarsimoo kominikeeshinii Komishinichaa dhihaatee kan irratti mariyatame yoo ta'u bakka buutoonni dhaabbilee Miidiyaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon irratti hirmaachuun galtee ni ta'a jedhan qoodaniifiru.