Guyyaa Tuurizimii Biyyaalessaatiin Qabeenyi Uumamaafi Seenaa Naannichaa Nibeeksifamu - ENA Afaan Oromoo
Guyyaa Tuurizimii Biyyaalessaatiin Qabeenyi Uumamaafi Seenaa Naannichaa Nibeeksifamu
Fulbaana 11 / 2015 (TOI)-Guyytaa Tuurizimii biyyaalessaa qabeenya naannoo Beeniishaangul Gumuuz beeksisuudhaa akka kabajamu biiroon aadaafi tuurizimii naannichaa beeksise.
Itti gaafatamtuun biiroo aadaafi tuurizimii naannichaa adde Maskiyyaa Abdallaa ibsa har’a kennaniin, guyyaa tuuriizimii biyyaalessaa 35ffaa naannichatti kabajamu milkeessuuf qophiin barbaachisu xumurameera.
Hirmaattonni guyyaa kabaja tuurizimii kanaa naannoleefi federaalarraa Asoosaa gala akka jiran beeksisaniiru.
Qabeenyi naannichi qabu sirnaan akka hinbeeksifamne kan eeran itti gaafatamtuun kun, guyyaa kabajaa kanaan beeksisuuf karoorfamuu himaniiru.
Karoorri kun akka milkaa’u qabeenya naannichi qabu jireenya aadaa, sirna nyaataa, ogummaa harkaa, hambaaleefi kanneen biroo viidiyoodhaan kan agrisiisu egzibiishiniin qophaa’uusaa eeraniiru.
Guyyaa tuurizimii biyyaalessaa Fulbaana 13 amma 15/2015 tti adeemsifamu kun dhaadannoo ”tuurizimiif yaada haaraa” jedhuun akka kabajamu agabaasaan keenya Asoosaarraa gabaaseera.