Beekumsaafi Dandeettii Ogeeyyota Fayyaa Cimsuun Itti Fufa-Ministeera Fayyaa

67

Fulbaana 11/2022 /TOI/ - Bara haaraa kanatti beekumsaafi dandeettii ogeeyyota fayyaa cuimsuuf hojiin hojjetamu cimee akka itti fufu ministeerri fayyaa beeksise.

Ministeera fayyaatti daarektarri misooma human namaa TOIf akka ibsanitti ogeeyyonni fayyaa dame fayyaa yeroo gara yerootti jijjiiramu waliin  beekumsaafi dandeettii isaanii akka gabbifatan hojjetamaa jira.

Kanaaf akka gargaaru ministeera fayyaatti koreen gabbisa oguummaa biyyaalessaa walitti fufaa ta’e hundeeffamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, ogeessi kamiyyuu eeyyamasaa osoo hin haaromsiin dura leenjii fudhachuusaa akka ilaalamu eeraniiru.

Daawwannaa dhaabbilee fayyaarratti taasifameen ogeeyyonni fayyaa leenjii ogummaa walitti aanu fudhatan ogummaasaanii fooyyeffachuun hawaasa tajaajiluu akka danda’an mirkanaa’eera.

Ministeerri fayyaa bara haaraa kanatti ijaarsa dandeettii ogeeyyota fayyaatiif xiyyteeffannaa akka kenne dubbataniiru.

Hoospitaalonni jiddu galeessa leenjii barnootaafi ogummaa akka ta’an sochiin jalqabamuu eeranii, kanaafis hoospitaalonni adda ba’an yaaliidhaaf baruufi barsiisuuf mijeeffamaa akka jiran hojjetamaa jira jedhaniiru.

hoospitaalonni 17 meeshaa yaalaa, jiddu galeessa shaakala ogummaafi manneen kitaabaa guutamaa akka jiran ibsaniiru.

Kana malees bara kana sirni jajjabeessituu ogeeyyota fayyaaf boxameehojiirra oolchuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Dhaabbilee fayyaa ogeeyyotaaf mijaa’aa taasisuufi carraaleen barmootaa addaddaas akka mijaa’anis himaniiru.

Ogeeyyonni fayyaa akka biyyaatti gumaacha addaa taasisan beekamtii akka argatan nitaasifamas jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015