Godina Walloo Kibbaatti baratootaaf meeshaaleen barnootaa birri miliyoona 17 bitaman deeggarsi taasifame.

78

Fulbaana 11/2015(TOI0 - Godina Walloo Kibbaatti baratootaa harka qaleeyyiif meeshaaleen barnootaa birri miliyoona 17 bitaman deeggarsi taasifamuu godinichatti koreen deeggarsa walitti qabuuf hundaa'e beeksiseera.

Godinichatti yeroo qophii dursaa ''Barrulee darzana tokko barataa tokkoof'' mata duree jedhuun meeshaalee barnootaa walitti qabe qaamolee dhimmi ilaallatutti dabarsee kenneera.

Walitti qabaan koree gargaarsaa obbo Alii Makoonnnin akka himanitti daa'imni tokko illee sababa hanqina meeshaalee barnootaan mana barnootaarra akka hin hafne xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan godinichatti hojii namoota gargaarsa barbaadan adda baasuu hojjetameen baratoonni kuma 25 deeggarsa kan barbaadan ta'uun adda baafameera jedhaniiru.

Kana keessaas haga ammaatti kuma 8fi 916 kanneen ta'an deeggarsi barbaachisu taasifamuufii himaniiru.Baratoota kanneenif deeggarsa taasisuuf dhaabbilee, Dureeyyoota,Daldaaltootafi hawaasa biroo qindeessuun meeshaalee barnootaa birrii miliyoona 17 baasan walitti qabuun deeggarsa argachuu himaniiru.

Deeggarsa kana keessaas Barrulee darzana kuma 8fi 492, Kophhee 'paakkoo' kuma 2fi 891, Waraqaa adii 90, Kafana Yuunifoormiif ooluu meetiraa 450 kan eeramanidha jedhameera.

Deeggarsi kunis lammillee harka qaleeyyiifi kanneen maatiin isaanii duulaniif kan kennamu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015