Rakkoon Itiyoophiyaa Kaabaa Mariidhaan Akka Hiikamu Mootummaan Ejjennoosaa Hinjijjiirre-Koree dhaabbii mana maree

60

Fulbaana 11/2015 (TOI) Rakkoon kaaba Itiyoophiyaa mariidhaan akka furamu ejjennoon mootummaan qabate akkuma jirutti ta’uusaa  mana maree bakka bu’ootaa ummataatti koreen dhaabbii dhimmoota hariiroo alaafi nageenyaa ibse.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensonni koree dhaabbii hariiroo alaafi nageenyaa ergamtoota paarlaamaa gamtaa Awurooppaa waliin mari’ateera.

Miseensonni garee ergamootaa kunneen  hariiroo alaa paarlaamaa Awurooppaa, mirgaafi walqixxummaa dubartootaa akkasumas koree dhaabbii misoomaa irraa kan walitti baba’anidha.

Haala yeroo Itiyoophiyaa  ilaalchisuun miseensota kanneeniif ibsi kan kenname yoo ta’u, dhimmoota ibsa barbaadanirrattigaaffileen gaafatamaniiru.

የWalitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota hariiroo alaafi nageenyaa doctor Diimaa Nagawoo, shororkeessaan ABUT haleellaa ajajaa kaabaarratti fudhachuusaatiin mootummaan osoo hin jaalatiin waraanatti seenuunsaa ergamoota kanneeniif ibsameera.

Sababa kanaan namoonni hedduunqe’ee isaniirraa buqqa’uunsaaniifi du’uunsaanii ibsi taasifameeraaf.

Mootummaan deeggarsa namoomaafi wayitii qonnaa ilaalcha keessa galchee waraana dhaabuuf murteessus ABUT garuu waraana banuunsaa ibsameera.

Mootummaan dhimma kana karaa nagaa hiikuuf koree dhaabee mari’achuuf qophii ta’u, shororkeessaan ABUT garuu kana hinfudhanne.

Har’as mootummaan ejjennoosaa cimsee hojjechaa jiraatus shororkeessaa ABUT garuu nagaan akka bu’u  waan hin barbaanneef karaa nageenyaatti akka dhufu gareen ergamootaa kun dhiibbaa akka taasisu gaafataniiru.

Mana marichaatti walitti qabduun koree dhaabbii fayyaa, hawaasummaa, misooma aadaafi Ispooirtii Warqisammuu Maammoo, mootummaan misooma mirkaneessuuf  hojjechaa jiraatus gareen shororkeessaa kun ammas rakkoo uumaa jira jedhaniiru.

Sababa kanaan dubartootaafi daa’imman miidhaa qaamaafi xin-sammuuf saaxilamuusaaniieeranii, qaamolee hawaasaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsi taasifamaafii akka jiru dubbataniiru.

Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo, Itiyoophiyaatti garaagarummaan jiraachuunsaa kan uumamaa ta’ee, waanti guddaan rakkoo jiru mariidhaan hiikuun akka ta’e dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti komishiniin maree biyyaalessaa hundaa’uusaa eeranii, kun ammoo rakkooleen karaa nagaa akka hiikaman fedhii mootummaan qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015