Buna Itoophiyaarraa gama qulqullinaan, dargomaa ta'uufi gatiin milkaa'iinni gaariin ittiin argamaa jira.

157

Fulbaana 11/2015(TOI) - Bunni Itoophiyaa qulqullinaan dargomaa ta'uufi gatiin milkaa'iinni gaariin ittiin argamaa jiraachuu Itoophiyaatti Qindeessaan Kappi ofii Esileensiin beeksise.

Dorgommii Buna dhamdhama addaa (Kaap ofii esileensii ) Kan jalqabaafi lammaaffaarratti Bunni Itoophiyaarraa milkaa'inni ajaa'ibsiisaan argamaa jira.

Dargommii sadaffaa Kaap ofii Eseleensii Abbaan Taayitaa bunaafi shaayee Itoophiyaa Allaahansii ofoo Kofii eseleensii fi USAID waliin ta'uun kan qopheesse yoo ta'u Bunni Itoophiyaa injifateera.

Sagantaa caarrataa gama oonlaayiniin geggeeffameen bunni kiiloon tokko doolaara 884fisaantima 10 ykn birrii kuma 47fi 236 fisaantima 23tti gurgurameera.

Kanaafis dorgommiin dhamdhama bunaa abbaa dhamdhama addaan buna qulqullina isaa eeggate gabaa idil addunyaaf dhiheessuuf gahee olaanaa bahaa jira.

Bunni Itoophiyaa dorgommii hundaarratti gama maraanuu gabaa addunyaa hawaachaa jiraachuu kan himan Itoophiyaatti qindeesituun Kaap ofii Eseleensii Qidisti Mulugeetaa Bunni Itoophiyaa qulqullinaan, Dorgomaa ta'uuniifi gatiin milkaa'innni guddaan ittiin argamaa jira jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015