Dhibeewwan Gammoojjii Hir’ina Qulqullinaatiin Dhufan Balleessuuf Hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dhibeewwan Gammoojjii Hir’ina Qulqullinaatiin Dhufan Balleessuuf Hojjetamaa jira
Fulbaana 11/2015 (TOI)-Naannoo Amaaraatti dhibeewwan gammoojjii hir’ina qulqullinaatiin dhufan balleessuuf yaaliin taasifamaa jiru bu’a-qabeessa ta’uusaa ministeerri fayyaa beeksise.
Waltajjiin qorannaa biyyaalessaa haala dhibeewwan gammoojjii balleessuun danda’amurratti mari’atu guyyaa har’aa magaalaa Bahaardaaritti jalqabameera.
Bakka bu’aan ministeera fayyaa ob. Tasfaahun Bishaawu akka jedhanitti dhibeewwan gammoojjii kanneen akka Tiraakoomaa, Bilhaarziyaa, raammoowwan maxxantootaa mar’immaanii, Zihoneefi hooqxoo dursa ittisuu baannaan fayyaa qonnaan bulaa miidhuudhaan oomisha isaarraa ni hambisa.
Dhibeewwan kunneen qulqullina naannawaafi dhuunfaa eeguu dhabuurraa akka dhufan eeranii, sagantaa ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchuudhaan ittisuun akka danda’amu dubbataniiru.
Hooggantoonniifi ogeeyyonni naannichaa dhibeewwan kanneen ittisuuf qindoominaan hojjechuunsaanii jijjiirama fiduusaa daawwannaan aanaalee kaaba Meeccaafi Darraatti taasifameen mirkanaa’uusaa hubachiisaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira fayyaa naannoo Amaaraa doktor Malkaamuu Abbitee, fayyaa hawaasaa eeguuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hojiin fayyaa seektara tokko qofaan hojjetamee bu’a qabeessa akka hin taane ka eeran doktor Malaakuun, dhibeewwan gammoojjii ittisuuf qaamolee biroo waliin qindoominaan hojjetamuusaa dubbataniiru.
Bu’aa argameef bu’urrisaa hubannoo qonnaan bulaa guddisuuf hojii hojjetame akka ta’es dubbataniiru.
Leenjii ogeeyyota fayyaatiin kennamerratti hundaa’uudhaan mana boolii ammayyaa qopheessanii fayyadamuusaanii kan dubbatan ammoo aanaa kaaba meeccaatti jiraataa ganda Makkanii qonnaan bulaa Taazzab Tasfaayeedha.
Qulqullinni naannawaa fi fayyaan maatiisaanii akka eegamu gochuudhaan dhibee garaa yeroo addaddaa isaan dhukkuburraa baraaramuu isaanii dubbataniiru.
Ministeerri fayyaa, itti gaafatamtoonni biiroo fayyaa naannoleeqaamoleen dhimmi ilaalu waltajjii qorannoo kanarratti argamaniiru.