Jiddu Galeessi Awaash Qonna Jirbiitiin Miidhaguunsaa Waan Haaraadha-muummee ministiraa Abiyyi Ahimad

61

Fulbaana  11/2015 (TOI) Balaa lolaatiin beekamaa kan ture naannoo Affaar jiddu galeessi Awaash qonna jirbii heektaara kuma 20n miidhaguunsaa waan haaraadha jedhan muummee ministiraa doktor Abiyyi Ahimad.

Qabeenya tuqamee hinkeekne kan naannawa keenya jiru adda baasanii beekuun beekumsa guddaa akka ta’e muummee ministiraa Abiyyi himaniiru.

Jiddu galeessi Awaash kun muduraa biqilchuu akka danda’u beeksisuuf ammoo misooma jallisii fooyya’e hojiirra oolchuu irratti argamaa jira jechuudhaan fuula miidiyaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti  eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015