Itiyoo Telekoom Maatii Barattootaa Harkaqalleeyyii 850f Deeggarsa Meeshaalee Barmootaa Taasise

101

Fulbaana 11/2015(TOI)-Itiyoo Telekoom Riijiniin bahaa maatii barattootaa harkaqalleeyyii 850 naannoo Somaalee  magaalaa Jigjigaafi aanaa Tuulii Guleediif deeggarsa meeshaa barmootaa tasiseera.

Bakka bu’aan riijinichaa ob. Simneh Ishitee akka jedhanitti, waajjirrisaanii aanaaleefi magaalalee naannichaa 16ftti maatiilee horsiisee bulaafi kanneen human hinqabne kuma shaniif meeshaalee barmootaa deeggaraa jira.

Qaama deeggarsa kanaa kan ta’e maatii barattootaa rakkatoo ta’an 850 magaalaa Jigjigaafi aanaa Tuulii Guleediif tokkoo tokkoosaaniif dabtara darzana tokko, Iskibiirtoo, Laaphisifi Irsaasii deeggarsa taasisuusaaniieeraniiru.

Itiyoo Telekoom ergama isaa bahuun cinaatti rakkoolee horsiisee bulaa fi kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii naannichaa hiikuuf xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu dubbataniiru.

Magaalaa Jigjigaatti maatii barattootaa deeggarsi taasifameef keessaa adde Taarikuwaa Boongaa, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Barataa Kunaddiin Abdilmaliik meshaalee barnootaa isa barbaachisu argachuusaatti akka gammade himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015