Gareen shororkeessaa ABUT bara hoggansa isaa qabeenya Oromoo saamuun cinaatti dhiittaan mirga nomaa inni raawwachaa ture haga ammaa madaan isaa hin qoorree - Abbootii Gadaa.

59

Fulbaana 11/2015(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT bara hoggansa isaa qabeenya Oromoo saamuun cinaatti dhiittaan mirga nomaa inni raawwachaa ture haga ammaa madaan isaa kan hin qoorree ta'uu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.

Miseensoonni gamtichaa akka himanitti gareen shororkeessaa kun Uummanni Oromoo eenyuummaa isaan akka mataa ol qabetee hin deemneefi aadaa isaa akka hin guddifannee dadhabsiisaa ture.

Bara 2009 uummata sirna kabaja ayyaana Irreecha Hora Harsadii irratti hirmaachaa ture irratti haleella raawwachuun maatii tokko irraa hanga namni 5 du'uun gochaa badii garichaa kan muli'isudha jedhaniiru.

Gareen kun waggoota 27 uummata Itoophiyaa, Uummata Oromoo, Qeerroo fi qarree Oromoo akkasuma Hayyoota Oromoorratti yakka kana hin jedhamne heddu raawwachaa turuu himaniiru.

Bara kana keessaatti gootota Oromoo hedduu kan ajjeese ta'uu himuun bara bulchiinsa isaatti saamicha lafaa, Maallaqaafi qaabenya biroo raawwachaa turuus eeraniiru.

Gareen kun hanga qabsoo uummata Itoophiyaan aangoorraa kaafameetti biyyaafi uummata irraan miidhaa gudda geesiseera jedhaniiru.Uummanni Tigiraay sabootaafi sablamootaa Itoophiyaa waliin nagaan yoo jiraate isaaf wayya kan jedhan miseensoonni gumichaa, gareen shororkeessaa kun garuu uummata gara hin taaneetti galchaa jira jedhaniiru.

Uummanni Tigiraay garee mursaaf jecha ijoollee isaa gara waraana hin barbaachifneetti erguu hin qabus jedhaniiru.

Nagaan yoo jiraate misoomniifi guddinni ni jiraata, garee shorkeessaa nagaa biyya dhoowwa jiru kana ni balaaleffanna jedhaniiru.

Waraana gareen shororkeessaa ABUT biyyi maaliif jiraatti jedhee jalqabe hunduu qolachuu akka qabus dhaamaniiru.

Uummanni Itoophiyaas ta'ee uummanni Oromoo biyya waloo keenya Itoophiyaa tokkummaan eeguu qabnas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015