Godinichatti tajaajilli qorannoofi gorsaa dhukkuboota hindaddarbinee eegalame

86

Fulbaana 11.2015/TOI/ Godina Gujiitti tajaajilli qorannoofi gorsaa namoota kuma 120f kennamu eegalamuusaa waajjirri fayyaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti ogeessi dhukkuboota xiyyeeffannoo barbaadaniiob.Godaanaa Jaldee, qorannoo kun Fulbaana 8 dhaabbilee fayyaa godinichaa hunda keessatti jalqabameera.

Amma ammaatti hoospitaalota 4fi buufataalee fayyaa 66 keessatti akkasumas jiddu galeessota yeroof qophaa’an keessatti namoota kuma 2 oliif qorannoon bilisaa taasifameera.

Tajaajilli qorannoofi gorsaa umuriin isaanii waggaa 15 ol ta’eef kennamu kun amma Fulbaana 12tti kan itti fufu ta’a.

Dhibeeywwan daddarboo hin ta’iin keessaa kaansariin, Sukkaarri dhiibbaan dhiigaafi rukuttaan onnee dhaabachuun lubbuu namaa battalatti kan ajjeesanidha.

Dhibeewwan kunneen tamboo xuuxuun, taa’umsa baay’isuun, sammuu dhiphachuu, sammuun boqonnaa dhabuufi dhugaatii baay’isuurraa akka himaniiru.

Dhibeewwan kana ittisuuf daddafanii qoratamuu, hordoffii yaalaa taasisuu, qoricha fudhachuudhaan, ispoortii hojjechuufi gorsa ogeessota yaalaa argachuu  barbaachisaa akka ta’es ibsaniiru.

Dhukkuboota kanneeniin qabamuu isaanii osoo hin beekiin tasa dhukkubsatanii mana yaalaa dhufanii lubbuun isaanii kan darbehedduu akka ta;es eeraniiru.

Baasiin tajaajila  yaalaafi meshaalee yaalaa biiroo fayyaa Oromiyaatiin kan guutame ta’uun beekameera.

Jiraataa magaalaa Nagalleefi hojjetaa mootummaa kan ta’e dargaggoo Yaadasaa Hayiluu qorannichi of beekuudhaan hordoffii yaalaa gochuun ni gargaara jedheera.

Dhukkuboota hindaddarbine ittisuuf araadarra fagaachuu kanisa dandeessisu gorsa ogeessotaa akka argate eereera.

Jiraattuun magaalaa Nagallee dargaggoo Caaltuu Iyyaasuu sirna nyaataa sirreessuun, miilaan deemuufi, Ispoortiidhaan dhukkuboota hindaddarbine ittisuun akka danda’amu hubannoo argachuushee ibsiteetti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015