Qorumsa biyyaalessaaf qophii barbaachisu xumuraa jiraachuu yuunivarsiitiin Madda Walaabuu hime

371

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessatti kennamuuf karoorfamuun rakkoolee kanaan dura turan xiqqeessuu keestti shoora ol'aanaa akka qabu hayyoonni yuunivarsiitii Madda walaabuu himan.

Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa dameelee yuunivarsiitichaa keessatti kennamuuf qophiin xumuramaa jiraachuus yuunivarsiitichi ibsee jira.

Qorumsa biyyoolessaa ilaalchisuun hayyoonni turtii TOI wajjiin taasisaniin akka ibsanitti waggoottan dabranitti sirna qormaata biyyaa keessatti rakkooleen gara garaa mudachaa turuu yaadachiisanii jiru.

Keessattuu hanna qormaataan wal qabatee uumamaa tureen hanga qormaanni guutuun haqamuutti gahaa turuus ibsan.

Qophiin qormaanni biyyaalessaa dhaabbilee barnootaa ol'aanoo keessatti akka kennamuuf karoorfamuun hanna qormaataa hambisuun cinaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota ofitti amanamummaa qabu horachuu keessatti gahee ol'aanaa qabas jedhan.

Hayyoonni kunniin barattoota geejjibsiisanii iddoo qormaataa fiduu keessatti rakkoon akka hin uumamne qooda fudhattoonni hunduu tumsuu akka qabanis dhaamanii jiru.

Barattoonni qormaatamanis xinsammuu dhaan of qopheessuun sodaaf cinqaa keessaa bahuun qormaata qofarratti akka xiyyeeffatan dhaaman.

Yunivarsiitichatti I/A pirezidaantii dhimmoota barnootaa Doktor Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 hanga onkoloolessaa 17/2015 kennamuuf qophii iddoo qorumsaaf haalli walii galaa xumuramaa jiraachuu himan.

Qorumsa biyyaalessaa kanaanis barattoonni kuma 15 tahan kaampaasota yuunivarsiitichaa shaashamannee,Roobeef Goobbatti kan kennamu tahuus eeran.

Doktor Bazzaabbih akka jedhanitti barattionni qorumsaaf yeroo gara yuunivarsiitichaa dhufan Uffata halkanii,ansoolaaf uffata tiraasii qabatanii akka dhufan dhaaman.

Mobaayila harkaatiif Meeshaalee elektirooniksiidhaan wal qabatan qabatanii dhufuun dhoorkaa tahuus eeranii jiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin yuunivarsiitichi milkaahina qorumsa biyyaalessaa kennammuuf qophiin  barbaachisan mijataa jiraachuu himan.

Yunivarsiitichatti Koreeleen gara garaa dhaabuun milkaahina qorumsichaatiif hojjachaa jiraachuus ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015