Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Qorannoo Cimaarratti Hundaa’uun Misooma Tuurizimiif Oolchuuf Hojjetamaa Jira

64

Fulbaana 10/2015 (TOI)-Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa qorannoo cimaarratti hundaa’uudhaan misooma Tuurizimiif oolchuuf sochiin taasifamaa akka jiru ministeerri Tuurizimii beeksise.

Bitootessa bara 2003 dhagaan bu’uraa kan kaa’ame hidhi haaromsaa ijaarsisaa hirmaannaa ummataatiin deeggaramee sadarkaa human maddisiisuurra ga’eera.

Kaayyoon hidha kanaa human maddisiisuu haata’uyyuu malee miidhaginni inni uumu bakka tuurizimii akka ta’u beekamaadha.

Haroon nam-tolcheen  gaara Gubaa jalatti uumamu Odoolaawwan 70 ol uumuudhaan daawwattootaaf bakka bashannanaa akka ta’u ni eegama.

Ministeera Tuurizimiitti daarektarri misooma qaqqabiinsa tuurizimii Muusaa Kadiir, haroo kana keessatti qurxummii horsiisuufi bakka qaqqabiinsa tuurizimii taasisuuf sochiin eegalamuu eeraniiru.

Bara 2009 Naannoon Beeniishaangul Gumuziifi mootummaan federaalaa qabeenyi tuurizimii naannichatti argaman odiitii taasifamuu eeranii, hidhi haaromsaa qabeenya tuurizimii guddaa ta’uunsaa addan ba’ee akka beekame beeksisaniiru.

Guyyaan tuurizimii addunyaa bara kanaa naannoo Beeniishaangul Gumuuztti akka kabajamuufi hidha haaromsaa ilaalchisee qorannoowwan addaddaa yuunivarsiitii Asoosaatiin akka dhihaatan ibsaniiru.

Haroo nam-tolchee kun tajaajila doonii, qurxummii kiyyeessuufi loojiiwwan ijaaruudhaan hojiitti galchuuf karoorfamuusaa beeksisaniiru.

Guyyaan tuurizimii addunyaa 35ffaa sadarkaa biyyaatti mata duree “Yaada haaraa Tuurizimiif” jedhuun torbee dhufu naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti  sagantaawwan addaddaatiin akka kabajamu ministeerri Tuurizimii beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015