Hawaasni addunyaa waamicha nageenyaa Itoophiyaa deeggaruu qaba

71

Fulbaana 10/2015(TOI) - Hawaasni addunyaa waamicha nageenyaa Itoophiyaa deeggaruu akka qabu Paakistaanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Jamaal Bakar himan.

Islaamabaadii duraaniitti Waldaalee dameewwaan daldaalaafi Mana maree Indatirii, Waldaa Daladala Afrikaa- Paaksitaan akkasuma dhaabbata oomishaa Qorichaa Westeen Paakistaan affeerraa hirbaataa kaleessa Isalamabaaditti qopheessan irratti Paakistaanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Jmaal Bakar keessummaa kabajaa ta'anii argamaniiru.

Ambaasaadarichi yeroo kana haasaa taasisaniin Itoophiyaan gaanfa Afrikaafi ardichaatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf shorkeessummaan waraanuu, akkasuma misoomni itti fufinsa qabu akka dhufuuf gahee ishee bahaa akka jirtu himaniiru.

Weerara gareen shororkeessaa ABUT dhiheenya naannoo Amahaaraa fi Afaaritti baneerrattis ibsa laataniiru.

Mootummaan osoo karaa nagaan rakkoo furuuf yaalaa jiru garichii waraana hin barbaachisne jalqabeera jedhaniiru.Waraanni gareen shororkeessaa ABUT jalqabe kun waraana baay'ee mancaasaa waan ta'eef hawaasinni addunyaa gareen kun karaa nageenyaa mootummaan Itoophiyaa dhiheesseetti akka deebi'u dhiibba gochuu qaba jedhaniiru.

Ambaasaaddar Jamaal Dimokiraasii, bulchiinsii gaariifi walqixummaan Itoophiyaa keessa akka jiraatuuf rifoormii mootummaan taasisaa jiru irratti ibsa bala'aa laataniiru.

Keessaayyu mootummaan investimeetii alaa hawaachuuf Itoophiyaan hojii invastimantiif mijattuu akka taatu haala mijeessuu himaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa yeroo dhihootti irra deebiin balaliin jalqabu Paakistaanii Itoophiyaa waliin akkasuma biyyoota afrikaa biroo waliin walitti dhufeenya daldalaa, Invastimantii, Turizimiifi waantoota biroon qabdu akka caalaatti gabbifattu gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015