Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa Fi Naannoo Kibbaa Buqqaatota Godina Geede'oo Jiran Waliin Marii gaggeessaa Jiru

73

Finfinnee Ebla 16/2011 Hoggantoonni olaanoo Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Kibbaa buqqaatota Godina Geede'oo jiran waliin marii gaggeessaa jiru.

Mariin kunis itti aanaa Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi qindeessaa kilaastara magaalaa kan ta'an obbo Ahimad Muusaa fi itti aanaa bulchaa bulchiinsa naannoo kibbaa kan ta'an obbo Eeliyaas Shikuriin gaggeefamaa jira.

Haala marii kanaanis boru irraa eegalee buqqaatoonni gara qe'ee isaaniitti deebi'uu akka calqaban walii galamee jira.

Mariin kunis buqqaatota Istaadiyeemii Yirgaachaffee jiran waliin taasifamaa jira.

Godina Geede'ootti hogganaan waajjira Sodaa baala obbo Tigistuu Gazzahanyi akka jedhanitti marsaa calqabaan buqqaatota aanaa Qarccaa ganda 10 irraa buqqa'an hojiin deebisuu hojjatame e jira.

Guyyoota dhufan kanatti ammoo hojiin buqqaatota kuma 15 ta'an gara qe'ee isaaniitti deebisuun karoorfamee jira jedhan.

Marii kana irrattis hoggantoonni naannoo Oromiyaa fi naannoo kibbaa kan argaman yoo ta'u gaaffilee ka'aniifis deebii ni kennu jedhameetu eegma. Mariin kunis buufata buqqaatonni keessatti argaman 5 keessaatti kan taasifamu ta'uu Riippoortarri keenyaa eddoo sana irraa gabaasee jira

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015