Qonnaan Bultoonni Aanaa Gaasaraa Carraalee Bishaanii Jiran Hundaatti Fayyadamuun Jallisiidhaan Misoomsaa Jiru

56

Baalee Ebla 16/2011 carraa bishaanii naannoo keenya jirutti fayyadamuun misooma jallisii hojjechaa jirra jedhan qonnaan bultoonni Godina Baalee aanaa Gaasaraa.

Waajjiri qonnaa fi qabeenya uumamaa Godina Baalee gama isaatiin lafti heektaarri 77 ol misooma jallisii marsaa lamaan misooma jiraachuu beeksisee jira.

Jiraataan aanaa Gaasaraa ganda Waabee kan ta'an qonnaan bulaa Hasan Abdaallaa yaada kennaniin misooma jallisii osoo hin calqabiin dura jireenya haala rakkisaa keessa jiraachuu isaanii himanii jiru.

Erga misooma jallisii hojjachuu calqabanii waggoota shanii asitti garuu jallisii yeroo tokkoon qofa birrii kuma 80 ol argachaa jiraachuu dha kan himan.

Qonnaan bulaan kun akka jedhanittis yeroo ammaa misooma jallisii lafa heektaara lama irratti kuduraafi muduraa oomishaa jirachuu isaanii dubbataniiru.

Jiraataan aanaa Gaasaraa ganda Gaasaraa kan ta'an qonnaan bulaan Huseen Bakar gama isaaniittiin yeroo darban keessatti isaan dabalatee qonnaan bulaan naannoo sanaa dhimma jallisii irratti hubannoon qaban kan dogongoraa ta'uun kan ka'e misooma kana irraa fayyadamoo osoo hin ta'iin hafuu isaanii yaadataniiru.

Ogeessota Qonnaatiin deeggaramuun garuu laga naannoo isaaniitti argamu Paampiin harkisuun misooma jallisii erga calqabanii asitti fayyadamoo ta'uu isaanii himanii jiru.

Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti rooba gannaa eeganii qonna qotan irraa waggaatti qamadii kuntaala 30 ol akka hin arganne dubatanii jiru.

Yeroo ammaa kana garuu misooma jallisii irratti bobba'uun Timaatima, Moosee fi oomishoota kuduraa fi muduraa adda addaa misoomsuun waggaatti birrii kuma 70 ol gaalii dabalataa argachuu isaanii ibsaniiru.

Kanaanis ijoollee isaanii mana barumsaa fooyya'aa ta'etii barsiifaachaa jiraachuu himanii jiru.

Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa Godina Baaleetti qindeessaa kan ta'an obbo Abdulrashiid Namoo gama isaaniitiin lafti heektaarri 77 ol misooma jallisii marsaa lamaan misoomaa jiraachuu beeksisanii jiru.

Yeroo ammaa kana misooma jallisii marsaan lamaffaan gaggeeffamaa jiraachuu himanii, kunis godinichatti aanaalee 18 keessatti lafa heektaara 43n kan addeemsiifama jiru ta'uu ibsaaniiru.

Misooma kana irraas oomishni kuntaalii miiliyoona 6 ol ni argama jedhameetu eegama jedhan qindeesichi.

Misoomni jallisii kunis qonnaan bultoota kuma 90 ol hirmaachisaa jiraachuus himanii jiru.

" Misooma kanaanis Moosee, Timaatima, Qullubbii Adii, Raafuu maraa fi midhaan dheedhii ta'an oomishamuurratti argamu " jechuunis dubbatanii jiru.

Yeroo ammaas Godinicha keessatti pirojaktiin misooma Jallisii Amayyaawwaan 17 ta'u birrii miiliyoona 188 oliin hojjatamaa jiraachuus himanii jiru.

Pirojaktiin kunneen yeroo xumuraman lafa dabalataa heektaara kuma 1 fi dhibba 8 ol misoomsuuf humna akka qabu dubataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015