Ministirri Pilaaniifi Misoomaa dokatar Fitsum Asaffaa bakka bu'oota baankii addunyaa waliin dhimmoota adda addaarratti maryatan.

101

Fulbaana 10/2015(TOI) - Ministirri Pilaaniifi Misoomaa dokatar Fitsum Asaffaa bakka bu'oota baankii addunyaa waliin dhimmoota adda addaarratti maryatan.

Marii isaaniin Itoophiyaatti hojii eegumsa naannoo hojjetamaa jiru, Jijjirama qilleensaa damdamachuufi ittisuurratti hojii hojjetamaa jiru kaasaniiru.

Qabannaa odeeffannoo biyyaaleessaafi qabeenyi uumamaa oomisha biyya keessaa guddisuu keessatti gahee inni qaburratti ministirittiin jila kana waliin maryataniiru.

Qabbannaa Odeeffannoofi odeeffannoo haalaan fayyadamuu ilaalchisee marii bal'aa kan geggeessuu isaanii ragaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaarraa argame ni muli'isa.

Baankiin addunyaa deeggarsi Itoophiyaaf taasisu karoora waggaa 10 mootummaa dursa kennaafi dameewwaan xiyyeeffannoo laateef irratti hundaa'uun ta'uu akka qabu ministirri Pilaaniifi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa himaniiru.

Baankiin Addunyaa damee adda addaan qindoominaafi deeggarsa mootummaa Itoophiyaa waliin jalqabe cimsee kan itti fufuufi damee biyyaattiin xiyyeeffannoofi dursa kennituufiin deeggarsa isaa caalaatti kan cimsuu ta'uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015