Magaalichatti ayyaanni Irreechaafi Daamaraan Masqalaa nagaan akka kabajaman hawaasa hirmaachisuun nageenyi naannoo akka eegamu hojjetamuu qaba

56

Fulbaana 9/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni Irreechaafi Daamaraan Masqalaa nagaan akka kabajaman hawaasa hirmaachisuun nageenyi naannoo akka eegamu hojjetamuu qabu Biiroon nageenyaafi Tasgabbii beeksise.

Biirichi qaamolee nageenyaa kutaalee magaaloota hundarraa walitti dhufan waliin qophii duraa qaamolee nageenyaafi kallattii hojii gara fuula duraatti hojjetaman irratti maryateera.

Hoggantuun Biiroo nageenyaafi Tasgabbii aadde Liidiyaa Girmaa magaalittiin ayyaanoota uummanni baay'ee irratti hirmaatu waan keessummeessituuf qophiin nagenya eegsisuu keenyaas cimaa ta'uu qaba jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaafi Daamaraan Masqalaa rakkoo nageenyaa malee akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisa akka godhan hubachiisaniiru.

Ayyaanonni kunis karaa nageenyaafi tasgabbii eeggateen akka kabajamaniif ijaarsi nageenyaa karooraa isaanii sakata'uun gara hojiitti galuu qabu jedhaniiru.

Qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran bakkeewwan daamaraan itti daamaramu adda baasuufi godinaalee ollaa magaalittii waliin qindaa'anii hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Hoggantoonni qaamolee nageenyaa marii kanarratti hirmaatan yaada TOI'f laataniin hawaasa magaalichaa waliin qindaa'uun ayyaanonni kunneen nagaan akka kabajaman kan hojjetan ta'uu himaniiru.

Kanaafis hojii hubannoo laachuu kennuu jalqabuu himanii, hawaasni nagaafi tasgabbii naannoo isaaf waardiyaa ta'uu nageenya eegsisuu keessatti gaheesaa akka bahu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015