Qamadii Industiriifi gabaa alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira

103

Fulbaana 9/2015 (TOI) – Godina Shawaa kaabaatti qamadii industiriif dhiheessuurra darbee gabaa biyya alaaf dhiheessuu akka tolu hjjetamaa jiraachuun ibsame.

Godinicha aanaa Moratiifi Jirruutti qamadiin oyiruu walitti aansuun hojjetame hoggantoota olaanoofi ogeessotaan godinichaatiin har’a daawwatameera.

Itti aanaa itti gaafatamaan qajeelcha qonnaa godinichaa ob. Warqaalammaawu Kostiree wayita kana akka jedhanitti, lafti heektaara kuma 56 fi 480 qonna gannaatiin qamadii uwwifameera.

Misooma kanarrattis qonnaan bultoonni kuma 75 fi 720 hirmaachaa kan jiran yemmuu ta’u, oomishi kuntaalli miiliyoona 7 ol akka eegamus eeraniiru.

Qamadii haala kanaan oomishuun oomisha qamadii galtee dhiheessuuf akka gargaaru himaniiru.

Kana malees Qamadii yeroo jalqabaaf biyya alaatti erguuf karoora qabame milkeessuuf godinichi shoorasaa akka ba’u kan isa gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.

 Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanichaa ob. Mulaatuu Shaawul qonnaan bultoonni aanichaa bara kana oomishtummaa Qamadii guddisuuf calla guddiftoota sirnaan itti fayyadamaniiru.

Aanichatti lafti heektaara kuma 11 fi 300 oyiruu walitti aanurratti oomishamuusaa eeranii, bona dhufuuf oomishuufis karoorfamee akka jiru ibsaniiru.

Qonnaan bultootaafi ogeeyyota damee qonnaatiin bu’aa olaanaa galmeessisaniif badhaasni kennamuusaa himaniiru.

Aanichatti qonnaan bulaan ganda kusaayee Daamxoo Baqqalaa akka ibsanitti, sirni badhaasaa kenname kana caalaa akka hojjetan isaan kakaasuu ibsaniiru.

Bulchaan godina Shawaa Kaabaa ob. Makaashaa Almayyoo akka jedhanitti, qonnaan bultoonni muuxannoo qaban teekinooloojii ammayyaafi hojmaata haaraa waliin wal simsiisuun oomishtummaa akka guddisan jajjabeeffama akka jiran ibsaniiru.

Bu’a qabeessummaan qonnaa godinichaa qonnaan bulaan raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa akka taasisu akka isa gargaare himaniiru.

Qonnaan bulaan oomishasaa guddisuu cinaatti naannawa isaa lootee galtootarraa akka eeggatu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015