Itoophiyaan dura taa'ummaan kan hoggantuu Foramiin ministiroota Afrikaa bahaafi gaanfa Afrikaa geggeeffama jira. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan dura taa'ummaan kan hoggantuu Foramiin ministiroota Afrikaa bahaafi gaanfa Afrikaa geggeeffama jira.
Fulbaana 9/2015(TOI) - Itoophiyaan dura taa'ummaan kan hoggantuu Foramiin ministiroota qaxanaa Afrikaa bahaafi gaanfa Afrikaa Finfinneetti geggeeffama jira.
Foramii kanarratti Ministira Hojiifi ogummaa Aadde Mufaarat Kamiilii dabalatee hoggantoonnifi ogeeyyoonni tekinikaa Carrraa hojii uumuu, dhimma hojjetaafi hojjechiisaa biyyoota Afrikaa Bahaafi qooda fudhatoonni sadrkaa addunyaatti jiran biroonis hirmaachaa jiru.
Foramiin kun biyyoonnii 11 keessatti kan argamaniifi yaa'insa dhimma hojjetaa wajjiralee ministiraa hogganaan kan hammatedha.Bu'uura waliigaltee garee tekinikaa ''Humna qaxanaafi ramaddii hojii dargaggootaa'' hundeessuuf kaa'ameen biyyoonni miseensoota garee tekininikaa hundeesuuf waliga'ii taasifamaa jirudha jedhameera.
Gareen tekinikaa kun carraa hojii biyya alaa uumuu kan dandeesisu ta'uunis himameera.