Waancaa magaalaa Finfinneen Bunni Itoophiyaa kan injifate yoo ta'u, Qoddus goorgis qixa baheera.

95

Fulbaama 7/2015(TOI) - Waancaa magaalaa Finfinnee 16ffaan Bunni Itoophiyaa kan injifate yoo ta'u, Qoddus goorgis qixa baheera.

Taphinni kun guyyaa har'aa Istaadeemii Ababaa Biqilaatti kan jalqabame yoo ta'u taphoonni lama taphatamaniiru.

Ramaddii 1ffaarraa kilabiin Buna Itoophiyaa goolii Anteenee Tafarraa galcheen Kilaba gara Pirimeeriiliigii Itoophiyaatti guddate Itiyoo-Elektirik 1fi 0 mo'ateera.

Yeroo ammaa Kilaba Afirkaa Kibbaa Maamelood Sandaawunisiif kan taphatu taphataan sarara duraa Abubakar Naasir tapha kilaboota kanneenii Istaadeemitti argamuun daawwateera.

Ramaddii 2ffaan kilabiin Quddus Goorsisiifi Machaal(Kilabiin Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhamee duraan waamamu) gaalii 1 fi 1 qabxii qixaan xumuraniiru.

Quddus goorgisiif Saamu'eel Gabra'igzaabeer, Machaaliif immoo Hayiluu Girmaa goolii lakkoofsisaniiru.

Waancaan magaalaa Finfinnee haga Fulbaana 15)2015tti kan geggeeffamu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015