Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Jongi Un Raashiyaa Galan

258

Finfinnee  Ebla 16/2011 Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Jongi Un Pirezidaantii Raashiyaa Puutiin waliin mari'achuuf Raashiyaa galan.

Kiim Jongi Un baabura isaa ishee addaa taateen gara Raashiyaa kan galan Pirezidaantii Raashiyaa Viladmiir Puutiin waliin mari'achuuf yoo ta'u, mariin isaanii kun isa jalqabaati jedhameera.

Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Jongi Un yeroo buufata baaburaa ga'an hoggantoonni olaanaan biyyatti simannaa addaa godhaniifii jiru jedhameera.  

Kiim Jongi hogganotoota olaannoo biyyattii waliin ta'uun gara Raashiyaa kan deeman ta'uu tajaajili oduu Kooriyaa Kaabaa beeksisee jira.

Yeroo ammaa kanas Puutiin waliin wal arguuf gara magaalaa Viiladvoostook imalaa jiru jedhameera.

Kiim fi Puutin boru biyyaa Raashiyaa magaalaa Gaalana Paasfiikii madiitti argamtu Viiladvoostookitti wal arganii waliin mari'atu jedhamee eegamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015