Dureeyyoonni haala mijataa qoricha oomishuuf Itoophiyaan qabdu fayyadamuun damee kanarratti akka hirmaatan waamichi taasifame.

85

Fulbaana 6/2015(TOI) - Dureeyyoonni haala mijataa qoricha oomishuuf Itoophiyaan qabdu fayyadamuun damee kanarratti akka hirmaatan waamichi taasifame.

Yaa'iin lammaffaa dhiheesitoota qorichaa idil addunyaa magaalaa Finfinneetti taa'ameera.

Yaa'ii kanarratti daarektarri Tajaajila dhiheessii Qorichaa Itoophiyaa doktar Abdulqaadir Galgaloo rakkoowwan dhiheessii qorichaa ilaalchisee Itoophiyaan qabdu eeraniiru.

Tajaajilichaan tarreeffama bittaa qorichootaa keessatti qorichoota tarreeffaman kuma 1 fi 20 keessaa 970 irratti qorannoon taasifamee qorichoota harka 25 ta'an irratti dhiheesituun galmaa'e akka hin jirre barameera jedhan.

Dhiheessiin qorichootaa harki 23 kan ta'u dhiheesituu tokko qofaan qabamuufi harki 49 kan ta'u immoo tokkoofi sanaa gadiin dhiheesituu galmaa'een kan qabanidha.

Rakkoo hanqina dhiheesitoota qorichaa kana furuuf dureeyyoonni qorichootaafi galteewwan yaala fayyaa dhiheessurratti hirmaatan si'eesituu mootummaan kennu fayyadamuun damee kanatti akka dabalaman waamicha dhiheessaniiru.

Yaa'ii kanarratti Ministira Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa bakka bu'uun haasaa kan taasisan piroofesarAfawariq Kaasuu gamoota damee fayyaan qabaman milkeessuuf dhiheessiin qorichaa gahaan jiraachuun muteessa ta'uu eeruun damee kanarratti oomishitootaafi dhiheesitootaaf mootummaan deeggarsa barbaachisu hundaa taasisuuf qophii ta'uu beeksisaniiru.

Dureeyyoonni dhiheessii qorichootaafi meeshaalee yaala fayyaarratti hirmaachaa jira damee kanarratti hojii oomishitummaan hirmaachuuf fedhii kan qaban ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015