Ummanniifi mootommaan naannichaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisan - ENA Afaan Oromoo
Ummanniifi mootommaan naannichaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisan
Fulbaana 6/2015/TOI/-Ummanniifi mootummaan naannoo Oromiyaa raayyaa ittisa biyyaatiif sangoota, hoolotaafi re’oota kuma 3fi 600 deeggarsa taasisaniiru.
Deeggarsa kana raayyaa ittisa biyyaaf kan kennan sadarkaa itii aanaa pirezidaantiitti itti gaafatamtuu biiroo galiiwwanii adde Maskaram Dabbabaa deeggarsi loon qalmaa taasifamuu eeraniiru.
Marsaa lammaffaatti loon qalmaafi galaan mirrii miiliyoona 128 tuqaa 3tti tilmaamamu deeggarsa taasifamuu dubbataniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT waraana jalqabe amma dhaabutti deeggarsi taasifamu akka itti fufu eeraniiru.
Ministeera ittisa biyyaatti bakka bu’aan dame hooggansa faayinaansii Birgaadar Jeneraal Alamsaggad Wandasan akka ibsanitti gareen shororkeessaa ABUT waraanaa ala jiraachuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Kanaaf baduu kan danda’us waraanaan akka ta’e dubbataniiru.
Ummanni naannichaa deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu ibsanii, deeggarsi har’a taasifame kunis waraanni jalqabame mo’annaan xumuruuf hamilee guddaa akka ta’u himaniiru.
Deeggarsi hawaasni taasisaa jiru ammalee cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.