Boba’aan shororkeessaa Shaneef Geeffamaa ture shakkamtoota waliin qabame

78

Fulbaana 6/2015 /TOI/ Boba’aan liitiroo kuma lamaafi 600 ol shororkeessaa Shaneef dabarfamuuf ture poolisiin aanaa Adoolaa Redeetti shakkamtoota waliin to’annaa jala oolchuusaa beeksise.

Ajajaan poolisii aanichaa Inispeekter Abdulkariim Huseen boba’aan kun Shaneef dabarfamuuf akka ture dubbataniiru.

Boba’aa baarmeela 10tti fe’amee geejjibamaa osoo jiru aanaa Adoolaa Redee ganda Biluutti qabame keessaa Naafxaan liitiroo kuma 2 fi Beenzila liitiroo 660 akka ta’e poolisiin beeksiseera.

Konkolaataan Siinootiraakii lakkosfa gabatee koodii 3-13246AA ta’e kun baba’aa fe’ee osoo deemuu Poolisiin to’annaa jala oolchee dhimmicha qulqulleessaa akka jiru ibsameera.

Kana malees magaalaa Adoolaarraa dhoksaadhaan boba’aa fe’aniiru jechuun namoonni shakkaman 4 qabamuusaanii poolisiin beeksiseera.

Sororkeesaa Shaneen Godinichatti darbee darbee bosona daheeffatee daandii cufuudhaan namoota saamaafi ajjeesaa akka jiru ajajaan poolisii kun himaniiru.

Meeshaalee kontirobaandii qabamanis moobaayilii 590, huccuu boondaa 16fi qorichi kaartoonii 2 akka ta’an poolisiin himeera.

Boba’aa dabalatee meeshaaleen kontirobaandii qabaman birrii birrii kuma 783tti akka tilmaamanis beeksisaniiru.

Namoonni shaneef gala dhiheessuufi kontirobaandii deddeebisuun shakkaman 15 eeruu ummataatiin to’annaa jala oolanii dhimmisaanii qulqullaa’aa akka jirus akkasuma.

Waggaa darbe poolisiin ummataan wal ta’uun qarshii sobaa, baala sammuu hadoochuufi kanneen kontirobaandii deddeebisan to’annaa jala akka oolche yaadataniiru.

Haleellaa shaneen ummatarratti raawwatuhfi sochii kontirobaandii dhaabsisuuf  ummanni aanichaa  odeeffannoo kennuudhaan deeggarsa jalqabe akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015