Torban itti aanutti pirojektiin jallisii sadii eebbifamuufi

79

Ebla 16/2011 Torban itti aanutti pirojektiin jallisii sadii akka eebbifaman ministeerri bishaan jallisii fi inarjii ibse.

Ministeerrichi hojiwwan ji’oota saglan darban hojjetaman irratti ibsa kenneera.

Ministeerrichi misooma jallisii babal’isuunii fi biyyattii hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf hojii misooma jallisii ammayyaa’aa hojiirra oolchuuf sochiirra jira.

Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf, karoora guutuu misooma jallisii qopheessuun, dizaayina walta’insaa, seera ijaarsaa fi to’annoo baasuunii fi misooma jallisiin carraa hojii uumuurratti kallattiin kaa’ameera.

Da’eetaan ministiraa doktar Abirhaa Addunyaa yeroo kana akka dubbatanitti biyyattiitti hanga dhuma bara 2010 A.I raawwii pirojektiiwwan turanii qorachuunii fi ka’umsa godhachuun hojjetaa tureera.

Doktar Abrihaa akka jedhanitti bara kana lafa hektaara kuma 51 fi 600 ol misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Hanga ammaatti naannoo Amaaraatti Rib akkasumas naannoleen kibbaa fi Oromiyaa waliin kan fayyadaman jallisiin Gidaaboo eebbifamuu isaanii yaadataniiru.

Torban itti aanus haala walfakkaatuun pirojektiin misooma jallisii sadii akka eebbifaman doktar Abrihaan eeraniiru.

Naannoo Amaaraatti kan ijaarame pirojektiin jallisii Magaci sarabaa kanneen eebbifaman keessaa tokko yoo ta’uu, guutummaa guutuutti xumuramuu isaa ibsaniiru.

Pirojektiin lafa hektaara kuma 4 misoomsa jedhamee tilmaamame baasii Birrii miiliyoona 220 ol  itti ba’eera.

Pirojektichi dursee kan xumurame ta’us rakkoo dhiheessii elektirikiin hojiitti utuu hin galiin turuusaa fi yeroo ammaa kana qaama ilaallatu waliin dubbachuun rakkinichi furamaata argachuun hojii eegalsiisuuf murteeffameera jedhan.

Naannoo Oromiyaa aanaa Ada’aa Bargaatti kan argamu pirojjektiin Ada’aa Bachoo waggaa darbe kan xumurame ta’us qaamni fudhatu dhibuusaatiin otoo hin kennamiin tureera.

``Yeroo ammaa kana biiroo qonna Oromiyaan akka bulu murtaa’eera`` kan jedhan da’eetaan ministiraa kun, bu’a qabeessummaa isaaf darbiinsa bishaanii jallisii 600 irratti yaaliin taasifamee waan mirkanaa’eef ni eebbifama.

Naannoo Oromiyaatti pirojektiin jallisii Maqii zuwaay hektaara kuma 4 kan misoomsu akka ta’e eeranii, boqonnnaan duraa lafa hektaara kuma 2 kan misoomsu haala walfakkaatuun torban itti aanuu eebbifama.

Lafa hektaara kuma 80 kan misoomsu hidhi arjoo harka dhibba keessaa 66 ijaarsi isaa xumuramuu isaa fi misooma shukkaaraa fi tajaajila hawaasaaf akka oolu yaadamee hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Qonnaan bultoota misomaaf ka’an dhimmi kaffaltii beenyaa fi rakkoon nageenyaa pirojektoonni sadarkaa barbaadamuun akka hin ariifanneef sababa ta’aniiru.

Gama jallisiin dargaggoota kuma 12f carraa hojii uumuun hektaara kuma 50 akka misoomsan kaayyoon qabamee akka turee fi naannolee waliin mari’achuun hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 34 argamuusaa dubbataniiru.

Laga Daabbusitti humna meegaa waatii 300 hanga 350 fi laga Waabeetii immoo 100 hanga 150 humna ga’uu danda’u burqisiisuuf qorannoon taasifamaa akka jiru da’eetaan ministiraa doktar Firehiwoot Waldahaannaa ibsaniiru..

Naannawaa baadiyyaatti qaqqabinsa baayoo gaazii guddisuuf walnyaatinsa baayoo gaazii ijaaruuf hojjetamaa akka jiruu fi harka dhibba keessaa 50 milkaa’uusaa doktar Firehiwoot Waldahaannaa dubbatan.

Waggaa kana baayoo gaazii kuma 5 fi 700 ol walnyaatinsa baayoo gaazii ijaaruuf karoorfamee walakkaan isaa ijaarameera.

Sararri elektirikii ga’uu kan hin dandeenye naannawaan baadiyyaa humna aduu akka argataniif hojjetamaa akka jiru ibsanii, bara 2011 A.I  teknooloojiwwan humna aduu kuma 15 tamsaasuuf karoorri qabame dhibbantaan 40 milkaa’eera jedhan  doktar Firehiwoot.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015