Gareen shororkeessaa ABU tasa uummata Tigiaay bakka hin bu'u - Dhalatoota Tigiraay Finfinnee jiraatan

58

Gareen shororkeessaa ABU tasa uummata Tigiaay bakka hin bu'u - Dhalatoota Tigiraay Finfinnee jiraatan

Fulbaana 5/2015(TOI) - DhalatoonniTigiraay magaalaa Finfinnee jiraatan gareen shororkeessaa ABU Uummata Tigiraay seenaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qabu tasa bakka kan hin buune garee fayidaa isaaf gurmaa'edha jedhan.

Dhalatoonni Tigiraay magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqii Qaallittii jiraatan haala nageenyaafi tasgabbii biyyaa ilaalichisuun mariyataniiru.

Waltajjii marii kanarratti dhalatoonni Tigiraay hirmaatan naannoo Tigiraay dabalatee waggoota darban rakkoo uummata Itoophiyaarra gaheef itti gaafatamaan garee shororkeessaa ABUT ta'uu himaniiru.

Gareen kun umama isaarraa jalqabee fayidaa dhuunfaa isaa dursuun uummata Tigiraay bakkaan bu'a jedhuufi waliigalaan uummata Itoophiyaa rakkoo hedduuf kan saaxiledha.

Gareen shororkeessaa kun ammas deeggarsa namoomaa uummata Tigiraayif ergamu saamuun hidhatoota isaaf oolchaa kan jiru garee gara jabeessaadha jedhaniiru.

Daa'immaan baala sammuu nama hadoochu kenneefi gara waraanaatti erguun haga danda'ameef jiraachuu yaalii gochaa jiraachuus himaniiru.

Garee shororkeessaa uummata keessa dhokatee uummata beelaafi rakkoo adda addaa saaxilaa jiruufi dargaggoota waraanaan ficisiisaa jiru kan uummanni Gahe jechuunii qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015