Yuunivarsiitichi hojiiwwan dhaabbilee idil addunyaa gitasaa waliin dorgomaa isa taasisan damee akkaadaamiifi qorannoon hojjechaa jira jedhame

111

Fulbaana 5/2015(TOI) - Yuunivarsiitiin Saayinsiifi Tekinoolojii Adaamaa hojiiwwan dhaabbilee idil addunyaa gitasaa waliin dorgomaa isa taasisan damee akkaadaamiifi qorannoon hojjechaa jiraachuu beeksise.

Qaamuma kanaa kan ta'ee baasii birrii biliyoonaa tokkoo(1) oliin bu'uuraalee misoomaa hojjechuu jalqabuu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa doktar Lammii Guutaafi Dhabbanni ijaarsaa waliigalaa Masaay Olii ijaarsa bu'uuralee misoomaa Yuunivarsiitichaa raawwachuuf har'a waliigaltee mallateessaniiru.

Doktar Lammii Guutaa yeroo kana akka dubbataniitti Yuunivarsiitichi hojiiwwan dhaabbilee idil addunyaa gitasaa waliin dorgomaa isa taasisan damee akkaadaamii qorannoofi bu'uuraalee misoomaa diriirsuun hojjechaa jira.

Pirojeektiin ijaarsisuuf guyyaa har'aa waliigalteen mallateeffames mooraa yuunivarsiiticha keessatti daandii aspaaltii kilomeetira 10 fi misooma magariisaati jedhameera.

Ijaarsi pirojeektii kana waggaa lama keessatti kan xumuramu ta'uu himanii yeroofi qulqullina barbaadamuun akka xumuramu barbaanna jedhaniiru.

Kanaafis Yuunivarsiitichi hordoffii barbaachisu kan taasisu ta'uu himaniiru.

Abbaan qabeenyaa dhaabbata ijaarichaa obbo Masaay Olii gama isaanii pirojeekticha yeroofi qulqulliin kaa'ameen hojjetanii kan xumuran ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015