Daandiin Aspaaltii Fifinnee Gaambeellaa geessu sigigaachuu lafaatiin cufamuun isaatiin rakkoof saaxilamneerra- konkolaachistoota

138

Fulbaana 5/2015 (TOI) – Daandiin Aspaaltii Finfinnee kaasee Gaambeellaa gessu naannawa gaara kulelitee jedhamutti lafti sigigaatee waan cufameef rakkoof saaxilamneera jechuun konkolaachistoonni ibsan.

Daandii cufame kana banuuf yaalii gochaa akka jiru bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti distiriiktiin Jimmaa beeksiseera.

Konkolaachisaa ob.Taaddasaa Asraat guyyaa har’aa TOIf akka ibsanitti Qaammee 4/2014 irraa kaasee daandiin kun cufamuusaatiin konkolaataa dhaabanii rakkoorra jiru.

Guyyoota sadiif konkolaataa dhaabanii rakkachaa akka jiran kan dubbatan ammoo konkolaachisaa ob,Abubakar Daawudidha.

Qaamni dhimmi ilaalu daandii kana banee hojii isaanii hojjechuu akka danda’an konkolaachistoonni kunneen gaafataniiru.

Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti distiriiktiin Jimmaa hojii gaggeessaan suphaa daandii Injiinar Masarat Dajanee dhimma kanarratti gaafatamanii deebii kennaniin daandiin kun kan cufame bokkaan hamaan roobee lafti waan sigigaateef ta’uu himaniiru

Daandii cufame banuuf yaaliin taasifamaa jiraatullee, maashinariin ga’aan naannawa kana waan hinjirreef turuu isaa  eeranii, yeroo ammaa maashinariin galee daandii cufame banuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Wayita bonni ba’u daandicha sirriitti suphuudhaan rakkoo kana xumuraaf akka furamu Injiinar Masarat beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015