Pirojaktii Daandii Ummata Mankaraarsaa jiruuf Furmaanni Hatattamaa Laatamuufii qaba – Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa

53

Finfinnee Ebla 15/2011 Suphaan daandii buleeyyii fi hojiin daandii haaraa hojjatamu harkifachuu isaan mankaraarsa ummata irra ga'aa jiru hambisuuf hojiileen kunneen yeroo qabameefitti Xumuramuu akka qaban manni maree bakka bu'oota ummataa hubachiise.

Ministeerri Geejiibaa gama isaatiin suphaa daandii guguddaaf baajanni qabamu xiqaachuun isaa piroojaktoonni kunneen yeroo qabameefitti akka hin xumuramne taasisaa jira jedhe.

Manni maree bakka bu'oota ummataa walga'ii idilee 35ffaa bara hojii 4ffaa taasiseen raawwii ministeera Geejibaa fi bara 2011 kan ji'oota saglan darbanii dhaggeeffatee jira.

Walitti qabaan Koree dhaabbii misooma magaalaa, Koonistiraakshinii fi Geejibaa obbo Ashannaafii Ga'aamii akka jedhanitti Itiyoophiyaatti raawwiin piroojaktii daandii karooraa gadii dha.

Bara baajata qabamee jiru kanattis raawwiin piroojaktii daandii dhibeenta 63 qofa dha jedhaniiru.

Kun ammoo jiruu fi jireenya hawasummaa ummata fi Dinagdee hawaasaa irratti rakoo bulchiinsa gaarii kan uumu dha jedhaniiru.

Piroojaktiin daandii waggoota 2 fi 3 keessatti ni xumuramu jedhaman waggoota 10 ol fudhachuun isaanii mootummaas baasii dabalataaf saxilaa jiraachuus himaniiru.

Piroojaktoonni xumuramanis yoo ta'an rakkoo qulqullinaa waan qabuuf ummanni mootummaa irratti abdii akka hin qabaanne taasisaa jiraachuus ibsaniiru.

Haa ta'uutii piroojaktiin ammaa booda hojjataman hundi isaanii qulqullina akka qabaatan taasisuunii fi yeroo qabameefitti xumuruun ni barbachisa jedhanii ru.

Galmaan ga'umsa kannsafis ministeerri geejibaa qindoominaan hojjachuu irraa eegama jechuun ergaa isaanii dabarsaaniiru.

Ministeerri Geejibaa adde Daagimaawiit Mogos gama isaaniitiin hojiin daangaa kabachiisuu dhabuun, haalli nageenyaa fi humna dhabuun kontiraaktaroota hojichaaf qormaata akka ta'e ibsaniiru.

" Hojiin Piroojaktii daandii hedduun isaanii kan adda citu dhibeentaa 85 irra yeroo ga'u ta'uun isaa hanqinni baajataa jiraachuu isaatiini " jedhaniiru.

Dabalataanis suphaa daandiif baajanni qabamu hanqina qabaachuu isaa daandichi dafee suphamuu dhabuu isaaf akka sababaatti kan ka'u dha jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti waggaa tokko keessatti suphaa daandiif birriin Biilliyoonni 3 akka qabamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015