Gareen shororkeessaan ABUT amma bardabaawutti humnoota nageenyaa cinaa akka dhaabatan jiraattonni dubbatan

81

Waldiyaa,   Fulbaana  5/2015 (TOI) --- Gareen shororkeessaa ADUT amma barbadaawutti  gama hundan raayyaa ittisaa cinaa akka dhaabatan jiraattonni Walloo kaabaa aanaa Gubaalaaftoo beeksisan.

Jiraattonni aanichaa deeggarsa birrii miiliyoona 5 olitti shalagamu raayyaa ittisa biyyaaf taasisaniiru.

Aanichatti jiraataan ganda Geeshoobarri ob. Dassaalee Sammaawu TOIf akka himanitti Gareen shororkeessaa kun ajjeechaarra darbee qonnaan bulaan hojjetee akka hin jiraanne shiftaa saamicharratti bobba’e ta’uusaa bara darbe argineerra jedhaniiru.

Ajjeechaafi midhaan saamuu irra darbee uffata miicamee afamellee osoo hin hanbisiin saamaa akka ture yaadataniiru.

Waraana gareen kun si’a sadaffaaf bane falmaa kan jiru raayyaa ittisa biyyaafi humnoota nageenyaa biroof torbee lama walitti aananiif gala dhiheessaa akka jiran ibsaniiru.

Waraanni kun amma xumuramutti raayyaa ittisaa cinaa nidhaabbanna kan jedhan ammoo aanichatti jiraataa ganda Wudmen adde Yeshii Mabreeti.

Ummanni naannawaa raayyaa ittisa biyyaafi humnoota nageenyaa garee shororkeessaa falmaa jiraniif  gala dabalatee deeggarsa barbaachisan taasisaa akka jiran beeksisaniiru.

Isaanis gama isaaniitiin hawaasa naannawa isaanii qindeessuudhaan deeggarsa taasisaa akka jira beeksisaniiru.

Bulchaan aanaa Gubaalaaftoo ob. Dassaalee Baayyee, erga waraanni kun eeglamee ummanni aanichaa deeggarsa birrii miiliyoona 5tti shalagamu taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsa taasfaman keessaas daabboo, bassoo, sangaa qalmaafi kanneen kana fakkaatan ni argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015