Mootummaan Chaayinaa kuufama dhala liqii Itiyoophiyaarra jiru haquu beeksise

94

Ebla 16/2011 - Mootummaan Chaayinaa kuufama dhala liqii amma bara faranjootaa 2018tti Itiyoophiyaarra jiru guutummaan haquu beeksiseera.

Jilli Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu fooramii inisheetiivii beelti fi roodin dura pirezidaantii Chaayinaa Shii Zhiingipiing waliin marii waliinii gaggeessaniiru.

Hoggansa Dr. Abiyyi Ahimadiin jijjiirama waggaa tokko keessatti Itiyoophiyaatti dhufe kan dhinqisiifatan yoo ta'u, pirezidaantichi, Chaayinaan guddina Itiyoophiyaaf iddoo guddaa laatti jedhaniiru.

Marii kanaanis hanga bara faranjootaa 2018tti kuufama dhala liqii guutummaan kan haqxu ta'uu beeksistee jirti.

Pirezidaanti Shii Zhiingipiing faayidaa piroojektii miidhagina Shaggar kan hubatan ta'uu ibsuun, mootummaan isaanii deeggarsa taasisuuf kan hojjetu ta'uu himaniiru.

Gareen lameen hariiroo biyyoota isaanii cimsanii itti fufsiisuuf walii galaniiru.

Madda- Waajjira Muummee ministiraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015