Seerota Itoophiyaa hanga ammaatti bahan moosaajiin iddoo tokkotti qabatu ifa ta'e

114

Finfinnee Mudde 19/2011 Abbaan alangaa federaalaa muummichi  seerota Itoophiyaa bara 1934 hanga bara 2010tti bahan moosaajii bakka tokkotti  qabatu  ifa godhe.

Itti waamamaa dhaabbatichaa kan ta'e ejensiin galmeessaa fi qulqulleessaa sanadootaa federaalaa tajaajila bakka bu'ummaa gosa 19 kennuu kan dandeessisu meeshaa moosaajii ifa godheera.

Abbaan alangaa muummichaa federaalaa fi ejansiin galmeessaa fj mirkaneesaa sanadootaa federaalaa waa'ee moosaajichaa ibsa kennuudhaan ifatti hojii jalqabuu isaa himaniiru.

Abbaan alangaa federaalaa obbo  Biraanuu Tsaggaayee  akka ibsanitti, dhaabbanni kun seerota federaalaa fi naannolee bara 1934 - 2010 ba'an bakka tokkotti kan walitti qabu moosaajii uumeera.

Moosaajiin kun abukaatonni, poolisoonni, abbootiin seeraa, abbootiin alangaa, hayyoonni, qorattoonnii fi hawaasni tajaajila intarneetiin ala seerota amma ammaatti ba'anii fi murteewwan qaxxaamuraa hunda salphaatti akka argatan isaan dandeessisa.

Murteewwan qaxxamuraa hiikoo dirqisiisaa ta'u qaban kallattiidhaan dhiheessuudhan iddoo tokkotti bifa salphaa fi si'ataa ta'een labsiiwwanii fi heerota dhiheessuuf ni dandeessisa jedhaniiru. 

Adeemsa kanaan waliin ga'umsa odeeffannoo mirkaneesuuf, beekumsa lammiiwwanii gabbisuu fi hojiiwwan seeraa mirkaneessuuf hojjetaman karaa guutuu ta'een raawwachuuf ni gargaara jedhaniiru.

Moosaajicha fooyyessaa deemuudhaan ragaalee waggoota itti aananii akka qabatu kan taasifamu ta'uu abbaan alangaa muummichaa hubachiisaniiru.

Daayiraktarri olaanaa ejansii galmeessaa fi mirkaneessaa sanadootaa federalaa obbo  Marassaa Gabrayohaannis akka jedhanitti ejansichi fedhii tajaajilamtootaa irratti hundaa'uudhaan, akkasumas qorannaa taasisuudhaan tajaajiloota 19 tooraan kennuudhaaf  qophaa'eera.

Moosaajiin ifa ta'e kun tajaajilamtoonni dhimmoota bakka bu'ummaa guutuudhaan yeroo, maallaqaa fi deddeebii kan irraa hir'isuu fi waliin dhahama irra ga'u kan hambisu ta'uu dubbataniiru.

Akka ibsa obbo Marassaatti, tajaajilli kallattii kanaan bakka bu'umma addaa fi walii galaa, bakka bu'ummaa abukaatoo fi maatii, walii galteewan gurgurtaa socho'anii fi hin sochoonee ni raawwatamu.

Kana malees walii galteewwan kennaa kan socho'anii fi hin sochoonee, walii galtee sanadootaa fi fooyyessa bakka bu'ummaa, tajaajilli sanadoota hafaa salphaatti kan argamuu fi kan guutamu, si'ataa, al tokkotti dhimmoota hedduu hojjechuu kan nama dandeessisu, iccitummaan isaas amansiisaa akka ta'e ibsaniiru.

Ejansiin galmeessaa fi mirkaneessaa sanadootaa federaalaa guutuu biyyaatti waajjiraalee dameewwan 15 kan qabu yoo ta'u, guyyaatti tajaajilamtoota kuma 7 keessummeessuuf hojjechaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015