Naannoo Somaaleetti konkolaattonni Gatii boba’aa xiqqaatti fayyadaman kuma 4 ol galmeeffaman

87

Fulbaana 4 /2015 (TOI) --- Naannoo Somaaleetti konkolaattonni boba’aa gatii xiqqaan argata kuma 4 ol galmeeffamuusaanii biiroon geejjibaafi daldalaa beeksise.

Naannichatti konkolaattonni ummataaf tajaajila geejjibaa kennan kuma 3 ol gatii hir’fame kanatti fayyadamuu jalqabuusaanii ibsameera.

Gatiin hir’ifame kun kutaalee hawaasaa galii xiqqaa qabaniif tajaajila kan kennan konkolaattonni kuma 3 fi 375 fayyadamaa ta’uun beekameera.

Naannichatti kuusaa boba’aa 91 keessatti abbootiin qabeenyaafi konkolaachiftoonni tajaajila geejjibaa ummataaf kennan waa’ee teeleebirrii irratti hubannoo ga’aa akka qabaatan hojjetama jira jedhameera.

Guyyoota 60 keessatti konkolaattonni kuma 53 karaa teelee birrii ta’uudhaan bittaafi gurgurtaan birrii biiliyoona 1 ta’u raawwatamuu itti gaafatamaan divijinii manii Itiyo telekoomii Itiyoophiyaa ob.Buruuk Adaanee ibsaniiru.

Kafaltii karaa teekinooloojii taasifamu irratti hubannoo guddisuuf  Itiyoo Telekoom waliin hojjetamaa akka jiru biiroon kun beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015