Warshaan Aksiyoonaa Jabduu Motoris kan birrii miliyoona 133 ijaarame eebbifame.

63

Fulbaana 3/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti Warshaan Aksiyoonaa Jabduu Motoris kan birrii miliyoona 133 ijaarame eebbifame.

Sirna eebbaa kanarratti Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abidiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroofi kanneen waamichi taasifameef argamaniiru.

Eebba warshichaan cinaatti warshichaan kan qophaa'an paampiwwan bishaanii kuma 16 qodameera.Warshaan kun hojii jalqabuun isaa wabii midhaan nyaatan of danda'uuf, carraa hojii uumuufi tekinolijiiwwan biyya alaatii galan kan biyya keessaan bakka buusuuf gargaara jedhameera.

Paampiwwaan bishaanii itti fayyadamtootaaf qoodame kun lafa heektaara kunma 75 misoomsuuf kan gargaaranidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015