Gaaffilee Nageenyaa, Misoomaa Fi Demokiraasii Lammiilee Deebisuuf Hanna, Saamichaa Fi Malaammaltummaa Gurmaa'e Dhabamsiisuun Murteessaadha--- Komishinii Farra Malaammaltummaa

64

Adaamaa Ebla 15/2011 Gaaffilee nageenyaa, misoomaa fi demokiraasii lammiilee deebisuuf hanna, saamichaa fi malaammaltummaa gurmaa'e dhabamsiisuun murteessaa akka ta'e komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa beeksise.

"Waltajjii muuxannoo wal jijjiirraa sochii ittisa malaammaltummaa dhaabbilee mootummaa federaalaa kan waggaa" magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.

Itti Aanaan komishinaraa komishinichaa obbo Waddoo Axxoo waltajjii kanarratti akka dubbatanitti, gaaffilee bu'uraa ummattoota biyyattii deebisuuf malaammaltummaa fi hojmaata badaa dhabamsiisuu barbaachisa.

Gaaffileen misoomaa ummataa akka hin deebine, demokiraasii fi olaantummaan seeraa akka hin kabajamne malaammaltummaa fi hanni gurmaa'uun taasifamu kan caasaa mootummaa keessatti babal'ate rakkoo uumuusaa himaniiru.

'Qabeenya ummataa muraasaa ta'e saamichaa fi hannarraa baraaruu yoo hin dandeenye riifoormiin jalqabame galma hin ga'u' kan jedhan komishinarri itti aanaa kun, Dhaabbattoonni misoomaa kan mootummaa fi dhaabbileen tajaajila kennan tajaajila haqa qabeessa kennuun irraa eegama jedhaniiru.

Dhaabbileen mootummaa federaalaa oofiisaroota naamusaa gurmeessanii hojjechaa yoo jiraatanis, hanna dhabamsiisuuf sochiin taasifamaa jiru rakkoo akka qabu hubachiisaniiru.

Komishinichi dhaabbileen kunneen naamusa akka qabaatanii fi tajaajila haqa qabeessa kan itti kennan deeggarsa, hordoffii fi to'annoo akka taasisu obbo Waddoon dubbataniiru.

Bara bajataa kanatti manneen hojii ministirootaa fi dhaabbilee itti waamamaa ta'an keessatti malaammaltummaa ittisuuf sochii taasisan qorachuusaa kan ibsan ammoo komishinichatti daarektoreetii ittisa malaammaltummaa obbo Akliiluu Mulugeetaa ti

Dhaabbileen hordoffii fi to'annoon irratti taasifame keessaa irra caalaansaanii hanqina ilaalchaa fi hojmaataa akka irratti mul'ate beeksisaniiru.

Nama beekumsa qabuu fi iddichaaf nama madaalu gurmeessuu dhabuu, Itti waamamaa fi walitti hidhiinsi dhaabbaticha waliin qaban hojii jiddu galeeessa kan hin godhanne, gabaasota odiitii hordofuu fi sakatta'uu dhiisuu deeggarsi itti gaafatamtootaa xiqqaa akka ta'e mirkaneessineerra jedhaniiru.

Kanaanis dhaabbattoota misoomaa fi dhabbilee tajaajila kennan keessatti hannaa fi saamichaaf karaa kan banan hojmaanni badaa fi seer alummaan babal'achuusaa dubbataniiru.

Kutaaleen naamusa hordofan karooraan qajeelfamuu dhabuun malaammaltummaa ittisuuf sochii taasifamurratti dhiibbaa miidhaa qabu uumuusaa agarsiisaniiru.

Baatiiwwan sagal darban hawaasni hojmaata badaa fi malaammaltummaa dhabamsiisuurratti deeggarsaa fi tumsa fooyya'aa taasisuusaa kan dubbatan daarektarichi, ummanni miidhaa malaammaltummaa hubatee qabsoo taasifamu keessatti adda dureen akka hirmaatu barumsa kennuusaa beeksiseera.

Waltajjii kanaan dhaabbattoonni misoomaa mootummaa federaalaa malaammaltummaa ittisuuf sochiin taasisan ni qoratu.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni dhaabbattoota misoomaa mootummaa fi dhaabbilee tajaajila kennanii hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015