Barri haaraan injifannoo caaluuf kan itti qophoofnuudha - Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa - ENA Afaan Oromoo
Barri haaraan injifannoo caaluuf kan itti qophoofnuudha - Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa
63
Qaammee 5/2014 (TOI) – Barri haaraan kan hawwuu fi abdachuu qofa utuu hintaane injifannoo caaluuf kan itti qophoofnu, gara miiraa tokkummaa biyyaalessatti dhufnu ta’uu qaba jechuun Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsan.
Dooktar Yiliqaal, Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaan baga bara 2015 geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin bara haaraatti karoora misoomaa kan milkeessinu, garaagarummaa, waldanda’uu, waldhaggeeffachuu fi mari’achuun kan furaman, tokkummaa fi nageenyaa Itoophiyaaf tokkummaa bu’uuressuuf gamtaan dhaabachuun lammiilee hunda irraa eegama jedhaniiru.