Waajjiraaleen Ministeerotaa sadi guyyaa Tajaajilitummaa sababeeffachuun duulaan Paarkii Inxooxxoo keessa qulqulleessan.

78

Qaammee 4/2014(TOI) - Waajjirri Ministeera Turizimii, Hojii fi ogummaa fi Innoveeshiniifi Tekinolojii guyyaa Tajaajiltummaa sababeeffachuu duulaan Paarkii Inxooxxoo qulqulleessan.

Duula qulqullinaa kanarratti Ministiroonnii, Deetaa ministirootaafi hojjetoonni Ministeeroota sadenii argamaniiru.

Ministirri Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii wayita kana akka dubbatanitti Tajaajiltummaa anarraa jalqaba mata duree jedhuun duulli qulqullinaa kun geggeeffame.

Dameen Turizimiifi tajaajiltummaa adda kan bahan miti kan jedhan Ministirittiin kanneen guddina turizimiif gahee isaanii bahaa jiran galateeffataniiru.

Itoophiyaatti damee turizimiirratti miira tajaajiltummaa akka qabaatu gochuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ministirri Innoveeshiniifi Tekinoolojii doktar Ballaxaa Mollaa gama isaaniin Itoophiyaa fooyyee qabdu dhaloota dhaalchisuuf hunduu gaheesaa bahuu qaba.

Kanaaf immoo hunduu miira Tajaajiltummaan ka'uu qaba jedhaniiru.

Guyyaa Tajaajiltummaa kabajuun cinaatti hunduu ittifufinsaan hojiirra oolchuu akka qabus dhaamaniiru.

Guddina Turizimii biyyaaf kanneen gumaacha godhaa jiraniifi hojjetoota Paarkicha keessa hojjetan guyyaa kana galateeffachuun barbaachisaadha kan jedhan immoo Ministira hojiifi ogummaa aadde Mufaarat Kaamilidha.

Itoophiyaan damee Turizimiirraa fayadamtuu akka taatuuf bakkeewwan gahumsa turistoota kanneen lammileen qulqulleessan gaheen isaanii guddadha jedhaniiru

Guyyaa har'aa guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun hojjetoota paarkicha keessa hojjetan jajjabeesufi galateeffachuun bakka kanatti argamneerra jedhaniiru.

Hojiin kamiyyuu kabaja ta'uu isaa agarsiisuufis duula kanarratti hirmaachuusanii himaniiru.

Qaammeen 4 sadarkaa biyyaatti guyyaa tajaajiltummaa ta'uun sirnoota adda addaan kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015