Nyaataafi dhugaatii rakkoo fayyaa geesisuu danda'an kan gatiin isaanii birrii miliyoona 36.5 tilmaamamu baasan dhabamsiifaman.

51

Qaammee 3/2014(TOI) - Finfinneetti Nyaataafi dhugaatii rakkoo fayyaa geesisuu danda'an kan gatiin isaanii birrii miliyoona 36.5 tilmaamamu baasan dhabamsiifaman.

Kanneen rakkoo kanaaf sababa ta'an oomishitootaafi Suuqiwwan rabsitootarrattis tarkaanfiin fudhatameera

Ayyaana bara haaraa 2015 fi Masqalaa ilaalchisuun magaalichatti ogeeyyota bobbasuun to'annaan taasifama jiraachuu Abbaan Taayitaa Nyaatafi Qirichaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hojii haga ammaatti hojjetameenis dhaabbilee kuma tokkoo olirratti to'annoon taasifamuun dhaabbilee dhiheesitoota nyaataafi dhugaatii 220 irratti tarkaanfiin ofeeggannoo laatamuufi Daarektarri Itti aantuu Abbaa Taayitichaa Tigisti Badhaadhaa himaniiru.

Dabalataan Dhadhaa madaabaraa 24, Foon kiiloogiraama 62, Dhadhaa kiloogiraama 1245 waan alaahaniif akka dhabamsiifaman ta'uu himaniiru.

Waliigalaan haga ammaatti to'annoo taasifameen Nyaataafi dhugaatii rakkoo fayyaa geesisuu danda'an kan gatiin isaanii birrii miliyoona 36.5tti tilmaamamu baasan dhabamsiifamuu himaniiru.

Oomishitootaafi rabsitootaa nyaataa, Tajaajila laatotafi suuqiiwwan qinxaaboon gurguran walumaa galatti dhaabbilee 4449 irratti hojiin sakataafi to'annoo taasifamee rakkoowwan adda addaa waan irratti argameef tarkaaffiwwan adda addaa irratti fudhatameera jedhan.

Gama Abbaa Taayitichaan to'annoon taasifamu cimee kan itti fufu ta'uu kan hima daarektarri itti aantuu abbaa taayitichaa Tigisti Badhaadhaa hawaasnis karaa bilbila bilisaa 8864 bilbiluun eeruu akka laatu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015