Bulchinsi magaalichaa ‘Daandii Nageenyaa’ moggaase

72

Qaammee 3/2014(TOI) - Bulchiinsi magaala Finfinnee Daandii haaraa sadarkaasaa eeggatee ijaarame Uraa’el irraa gara ‘Walloo safar’ geessuu “Daandi Nageenyaa” jechuun moggaase.

Sagantaan moggaasa daandichaa, bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoggee Tasfaayeefi qondaaltonni olaanoo biroon argamanitti gaggeeffameera.

Sagantichaarratti Kantiibaa Adaanech, kaayyoon daandicha moggaasuu, imalli Itoophiyaa nageenyaa ta’uu addunyaaf akeekuudha jedhan.Har’as Itoophiyaan nageenyaaf harki diriirsite akka hindachaane himan.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam gamasaaniin, hoggantoonni bulchiinsa Magaalaa Finfinnee nageenyaaf bakki olaanaan kennaniifi moggaasa daandichaaf galateeffamuu qabu jedhan.

Dabalataanis, nageenyaaf wareegama barbaachisu kaffaluun tokkummaafi nageenya waaraa biyyattii mirkaneessuun hundarraa gahee eegamu waan ta’eef, hunduu qophii taasisuun irraa eegama jechuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalicharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015