“Humni qilleensaa aarsaa kaffalamu qabu hunda kaffalun Itoophiyaan sodaatamteefi kabajamte akka jiraatuu taasisuuf qophii olaanaarra jirra''

70

Hagayya 23/2014(TOI) – “Humni qilleensaa aarsaa kaffalamu qabu hunda kaffalun Itoophiyaan sodaatamteefi kabajamte akka jiraatuu taasisuuf qophii olaanaarra jirra ” jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.

Humni Qilleensa Itoophiyaa miseensota raayyaa Akkaadaamii eelektironiksiin, suphaa xiyyaaraafi motoraa akkasumas ogummaa bu’uuraa aviyeeshiniin leenjise eebbise.

Humni qilleensa jijjirama biyyaaleessafi riifoormii dhaabbataa booda humna qophaa’ummaasaa guddisuuf ijaarsa humna namaa, hidhata ammayyaa, teekinoloojiifi misooma bu’uuraa waraanaa guutuun xiyyeeffannoon hojjeta jira jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa.

Ajajaan Akkaadaamii Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Koloneel Gazzahanyi Nagaash gama isaaniin humna namaa ilaalchaafi dandeettin gahoome horachuun Paayileetiifi teekinishaanaa beekumsa ammayyaa qabuufi akkasumas ogeeyyii biroo horachuun akkaadaamichi hojiilee hedduu hojjateera jedhan. Raayyaa Ittisa Biyyaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015