Doktar Abiy Ahimad Arjeesitti kan argamu siidaa wareegamtootaa daawwatan. - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahimad Arjeesitti kan argamu siidaa wareegamtootaa daawwatan.
89
Hagayya 23/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimd daawwaannaa hojiif Aljeeriyaa magaalaa Aljeerisi jiru.
Doktar Abiy Ahimda magaalaa gudditti Aljeeriyaa kan taate Arjeersitti kan argamu siidaa wareegamtoota daawwachuun abaaboos kaa'aniiru.
Siidaan wareegamtootaa kan Aljeersitti argamu kun bara 1982 yeroo Aljeeriyaan guyyaa bilisummaa ishee waggaa 20ffaa kabajattu kanneen bilisummaa biyya isaaniif aarsaa ta'aniif dhaabbate.
Siidaan wareegamtootaa kun siidaa dheerinaa meetira 302 qabu yoo ta'u godanbaan gatii Aljeeriyanoonni bilisummaa biyya isaaniif kanfalan argarsiisus qaba.
Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad kaleessa daawwannaa hojiif Aljeeriyaa galuun isaanii ni yaadatama.